Xiinxala Oduu: 'Yakka dubartoota fi daa’imman irratti raawwataman ilaalchisee seerri adabbii hojiirra jiru fooyya’uu qaba'
Finfinnee, Hagayya 20/2024 – Naannoo Amaaraa magaalaa Baahirdaaritti haala suukanneessaan gudeedamtee kan ajjeefamte daa’ima waggaa torba Heevan Awwat, yakki irratti raawwatame namoota hedduu dheekkamseera.
Taateen kun kan raawwatame Adoolessa 25, 2015 ALI magaalaa Baahirdaar kutaa magaalaa Daagimaawwii Miniliik ganda 14 jedhamuun beekamu keessa yoo ta’u, kireessaan mana jireenyaa Geetinnat Baayih jedhamu daa’ima kireeffattuu mana sanii kan taate Heevan irratti gara jabummaan erga gudeedee booda hudhee ajjeessuun himatame.
Geetinnat Baayih irratti qorannoon erga taasifamee booda fi ragaalee namaa fi sanada dhiyaatan bu’uura godhachuun keeyyata seera yakkaa biyyattii caqasamee himannaa lama irratti dhiyaachuu Biiroon Haqaa Naannoo Amaaraa ibsa har’a baaseen beeksiseera.
Himannaawwan kunneen dhimma yakka ajjeechaa gara jabummaa kan ilaalu seera yakkaa keeyyata 539 fi keeyyata 620 (3) [dhimma yakka gudeeddii kan ilaalu] kan eeran yoo ta’u, kunis murtii du’aa ykn hidhaa umurii guutuu kan adabsiisu ta’uu biirichi ibseera.
Haata’u malee, Manni Murtii Olaanaa Baahirdaar falmii erga dhaggeeffate booda ragaaleen dhiyaatan daa’imti kun gudeeddiin ajjeefamushee kan mirkaneessu malee ajjeechaa gara jabummaa (539) kan mirkaneessu miti jechuun hidhaa waggaa 25 irratti murteesseera.
Yakkamaan Geetinnat Baayih jedhamu kun murtii darbe mormuun ol iyyannoo gaafatee Manni Murtii Olaanaa Naannoo Amaaraa dhimmicha qorachaa kan jiru yoo ta’u, dhimmicha irratti murtii laachuuf ji’a Onkoloolessa dhufuutti beellama qabateera.
Yakkamaan kun rakkoo nageenyaa naannicha keessa jiruun walqabatee yeroo muraasaaf mana hidhaatii miliqee akka ture kan eere biiroon haqaa naannichaa, haalli nageenya magaalaa Baahirdaar yeroo tasgabbaa’u irra deebiin to’annoo jala oolee yeroo ammaa mana hidhaa akka argamu ibseera.
Murtii hidhaa waggaa 25 manni murtiin dabarse hordofee namoonni hedduun adabbiin kenname yakka raawwatameen kan madaalu miti jechuun dheekkamsa isaanii ibsachaa jiru. Kana malees, duulli miidiyaa hawaasaa “Haqa Heevaniif” jedhu kan eegalame yoo ta’u, duula mallattoo walitti qabuu namoonni kuma dhibbaan lakkaawwaman irratti hirmaatan gaggeeffamaa jira.
Waldaan Abbootii Seeraa Naannoo Amaaraa gama isaatin ibsa baaseen, “seerri yakkaa fi yakkamaan ittiin ilaalaman osoo jiruu fi dhimmichi qaama haqaatin ol’iyyannoodhaan ilaalamaa yeroo jirutti, haala qajeelfama walabummaa abbaa seeraa fi olaantummaa seeraa irraa maquun duulli miidiyaa hawaasaa irratti eegalame abbootii seeraa irratti dhiibbaa uumaa jira,” jedhe.
Waldichi ibsa isaatiin, “duulli kun abbootiin seeraa ragaa fi seera bu’uura godhuun walabummaan akka hin hojjenne dhiibbaa hin malle uumaa, jedheera.
Ibsichi itti dabaluudhaan, “himatamaan ol’iyyannoo dhiyeessu akka hin qabne jedhamee duulli miidiyaa hawaasaa irratti gaggeeffamaa jiru mirga seeraan murtii argachuu (Due process of law) balaadhaaf kan saaxiluu fi mana murtii ol’iyyannoo kana ilaalu irratti dhiibbaa hin malle kan taasisudha” jedheera.
Ministeerri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa gama biraatiin yakka raawwatame ilaalchisee murtee kenname irratti hojimaanni ol’iyyannoo itti dhiyaatu sirrii akka hin taane ibseera.
Bulchiinsi magaalaa Baahirdaar gama isaatiin gocha namummaa hin qabne kana akka balaaleffatu ibsuun, “bulchiinsi magaalichaa yakkamaa gocha suukaneessaa kana raawwate irratti murtiin kenname madaalawaa akka hin taane cimsee amana,” jedhe.
‘Seerri yakkaa biyyattii fooyya’uu qaba’
Dhimma adeemsa murtii kanaa irratti yaada isaanii Addis Standard’tti kan laatan abukaatoo fi ogeessa seeraa Wandimmuu Ibsaa, Itoophiyaa keessatti yakka dubartootaa fi daa’imman irratti raawwatamu ilaalchisee qaawwi seeraa guddaan akka jiru ibsaniiru.
“Gochoonni yakkaa seera biyyaa fi namummaa irraa maqan yeroo raawwataman seera idilee qofaan ilaaluun jijjiirama fiduu hin dandeenye,” jedhan.
Ogeessi seeraa kun itti dabaluudhaan, yakka suukanneessaa dubartoota fi daa’imman irratti raawwatameef adabbii madaalawaa ta’e kennuuf seerri dandeessisu bahuu qaba jedhan. Kanaafis seera yakkaa dhimma dubartootaa fi daa’imman ilaalu fooyya’uu akka qabu cimsanii dubbataniiru.
Ol’iyyannoo ilaalchisee “seerri ol’iyyannoo yoo hayyamellee gochoonni namummaa ala ta’an yeroo raawwataman hojimaatni seeraa addaatti ilaalamu diriirfamuu qaba,” jedhan.
‘Itoophiyaa keessatti murtiin du’aa hojiirra oolu qaba’
Ogeessi seeraa kan biraa Taxamqe Yohaannis gama isaaniin, yakki gudeeddii dabalaa waan dhufeef mootummaan seera biyyattii fooyyessuun, “yoo danda’ame muuxannoo biyyoota biroo hojiirra oolchuun” adabbii olaanaa kaa’uu akka qabu Addis Standarditti himaniiru.
Yakkichi yeroodhaa gara yerootti hammaataa dhufuu eeruun hawaasa dammaqsuu qofaan yakkicha ittisuun akka hin danda’amne kan himan ogeessi kun, seerri yakkaa biyyattii fooyya’ee adabbiin sirrii ta’e akka kennamu hubachiisaniiru.
Akka ogeessi kun jedhanitti, akkaataa seera yakkaa biyyattiitti yakka gudeeddii raawwatameef adabbii hidhaa hanga waggaa 25tti murteessuuf qajeelfamni kan jiru yoo ta’u, dhimmichi miira namaa kan xuquu ta’uurraa kan ka’e adabbiin kun hawaasa hedduu dheekkamsiisaa akka jiru ibsan.
Adabbiin du’aa seera yakkaa biyyattii keessatti ifatti kan ibsame ta’us, hojiirra oolmaa isaa ilaalchisee qaawwi seeraa akka jiru eeraniiru.
“Adabbii du’aa ilaalchisee biyyoota akka Sa’udii Arabiyaa fi Chaayinaa keessatti muuxannoon hojiirra oolmaa ni jira. Akkasumas adabbiin akka qaama saalaa kolaasuus ni jira. Bu’aa fi miidhaa muuxannoo sana madaaluun gara biyya keenyaatti fiduun barbaachisaadha,” jedhan.
“Adabbiin du’aa biyyoota dhihaatin deeggaramu waan hin taaneef yoo hojiirra oole hariiroon isaan waliin jiru akka adda hin cinneefi gargaarsi namoomaas akka hin dhaabbanne biyyoonni baay’ee hojiirra hin oolchan.”
Ogeessi kun Itoophiyaa keessatti yakka gudeeddii raawwatamaniif murtiin du’aa laatamuu qaba jedhee akka amanu hime. “Miidhaa daa’immanii fi dubartootaa ittisuuf hawaasni mootummaa irratti dhiibbaa gochuu qaba,” jedhan. AS