ODUUSIYAASA

Oduu: Yeroo waraana Tigraay yakka duguuggaa sanyii raawwatamuu ragaawwan agarsiisan ni jiru: Gabaasa

Finfinnee, Waxabajjii 05/2024 – Dhaabbatni teessoo isaa biyya Ameerikaa godhate, Inistitiyuutii Niiw Laayins, gabaasa haaraa baaseen yeroo waraana Tigraay 2020 hanga 2022 gaggeeffameetti humnoonni Itoophiyaa gocha duguuggaa sanyii raawwachuu isaanii ragaalee agarsiisan argachuu ibseera. 

Dhaabbatichi gabaasa fuula 120 qorannoo waggaa lama booda Kibxata baaseen, humnoonni Itoophiyaa fi michoonni isaanii “gochoota yakka duguuggaa sanyii” irratti hirmaachuu isaanii ragaalee amanamoo hedduu irraa mirkaneessuu ibseera. Mootummaan Itoophiyaa gocha kanaaf Dhaddacha Haqaa Idil Addunyaatti (ICJ)akka dhiyaatu gaafateera.

Gabaasni kun Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa, Raayyaan Ittisa Eertiraa fi milishoota naannoolee dhalattoota Tigraay akka sabaatti balleessuuf tarkaanfiiwwan ajjeechaa jumlaa fi beeleessuu fudhachaa akka turan mirkaneessuu eereera. 

Akka gabaasa kanatti gochoota duguuggaa sanyii afur; dhalattoota Tigraay ajjeesuu, miidhaa guddaa irraan geessisuu, haala lubbuu isaanii balaaf saaxilu uumuu, akkasumas dubartoonni Tigraay akka hin dhalle dhorkuu raawwatameera. 

Argannoon Inistiitiyuutii Niiw Laayins kun gabaasa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) Fulbaana 2023 gareewwan wal waraanaa turan yakka waraanaan himate waliin kan walsimatudha.

Mootummoonni Itoophiyaa irra deddeebiin humnoonni isaa yeroo waraana waggoota lamaaf ture kana keessatti yakka waraanaa raawwataniiru jedhame himata irratti dhiyaatu haaleera. Mootummaan Eertiraas akkasuma himata irratti dhiyaatu “maq-balleessiidha” jechuun haale.

Haa ta’u malee, gabaasni haaraa kun biyyoonni lamaan yakka waraanaa fi/ykn yakka namoomaa raawwachuu isaanii “amanuuf bu’uura madaalawaa” ni jira jedheera. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Gabaasichi hawaasni addunyaa karaa dippilomaasiin mootummaa Itoophiyaa irratti dhiibbaa akka godhuu fi Dhaddacha Haqaa Idil Addunyaatti tarkaanfii seeraa akka fudhatu waamicha dhiyeesseera. AS

Related Articles

Back to top button