Oduu: Yuunivarsiitii Diillaatti barattoonni dabartoota muslimaa niqaaba uffachuu dhorkamanii masjiida bulaa jiraachuu himan

Finfinnee, Amajjii 25/2025 – Yuunivarsiitii Diillaatti barattoonni dubartoota Muslimaa 44 ta’an sababa uffannaa amantiisaanii ta’e Niqaaba uffataniin mooraa yuunivarsiitichaa akka seenne dhorkamuun gariin isaanii yeroo ammaa masjiida keessa bulaa akka jiran himan.
Yuunivarsiiticha keessa uffannaan Niqaaba waggoota darbaniif bilisaan kan uffatamaa ture ta’uu kan yaadachiisan barattoonni Addis Standard dubbise, amma haal-duree tokko malee sababa “sodaa nageenyaatiif” jedhuun mooraa keessatti akka hin uffatamne dhorkamuu himan.
Barattuun yuunivarsiitichaa maqaan ishee akka hin eeramne gaafatte tokko yaada Addis Standarditti laatteen, dhorkiin kun erga eegale ji’a tokko akka darbe eeruun “haala kanaan kan baay’ee cime ta’u baatus, yeroos warqaa eenyummaa nu harka fudhama ture. Amiiroonni keenyaa waardiyyaa harkaa fuudhanii nuuf deebisaa turan’’ jette.
Garuu dhuma torban darbee irra kaase dhorkiin kun cimuu dubbatti. “Hiriyyaan teenya takka nyaata ala bittee yeroo deebitutti maaskii gurraacha uffatte akka baastu, hijaaba uffatte jirtus mormi kee mul’atu qaba jedhamte. Waaree booda ammoo dubartoota lama karra yuunivarsiitichaa naannoo masjiidaatiin argamuun seenaa turan Niqaab uffatanii seenuun dhorkaa ta’uu itti himuudhaan deebisan’’ jette.
Ergasii barattoonni kaanis niqaaba uffatanii akka seenne, yoo seenuu barbaadaniis fuula isaanirraa baafachuu akka qaban itti himamuu hordofee irra dedeebiin bulchiinsa yuunivarsiitichaaf xalayaa komii dhiyeeffachuu isaanii eeruun, garuu hanga ammaa deebii akka hin arganne himte.
Ji’a tokkoon dura dhorkiin kun yeroo jalqabu, yeroo qormaata walakkeessaa ykn ‘midterm exam’ itti kennamaa ture ta’u ibsuudhaan, kadhaa fi warqaa eenyummaa kan yuunivarsiitii (ID card) isaanii eegdoota moorichatti kennaa seenaa akka turan himte. “Amma garuu erga mooraa keessa gallee guyyoota shan darbeera.”
Itti dabaluudhaan “dhiiroonni muslimaa waa’ee kun isaan ilaallatuus gaafatanii deebiin guyyaa Wiixata darbe akka kennamuuf itti himame ture. Guyyaa jedhametti garuu murtiin duraan kenname [dhorkii uffannaa niqaaba] haaluma jedhameen akka itti fufu itti himame. Sababa kanan hojii manaa nuuf kenname yeroo jedhametti galchuu hin dandeenye fi barnootanis duubatti hafaa jirra’’ jette.
Barattuun yuunivarsiiticha kan biraas, “xalayaa komii nuti galchinees har’a boru jecha deebii osoo nuuf hin kennine bira darban. Guyyaa Wiixata ganama dura taa’aa barattoota muslimaa waamudhaan namoonni maaskii gurracha uffatan dabalatee niqaab uffatan kamiyyuu mooraa keessa socha’us ta’e ala bahanii deebi’uun akka hin danda’amne, namni qajeelfama kana hin kabajne tarkaanfiin akka irratti fudhatamu itti himani,” jechuun Addis Standarditti himte.
Itti dabluudhaanis, “Wiixata galgala warroota maaskii guraacha uffatan akeekkachisaan hayyamaniifi akka seenan godhan. Nuti garuu hanga nama 7 kan taanu niqaaba waan uffanne seenuu nu dhorkanii guyyoota shanii oliif masjiida bulaa jirra,” jette.
Duraa Taa’aan Gumii Bartroota Muslimaa YuunivarsiitiI Diillaa Nuraddiin Abdallaah dhimma kana ilaalchisee yaada Addis Standarditti kenneen yeroo hedduu irra deddeebiin xalayaa fi qaamaan aanga’oota yuunivarsiiticha duubisuuf yaalii gochuu isaanii eeruun, furmaata akka hin argamne hime. ‘
“Barattoonni muslimaa hedduun masjiida keessa buluu erga eegalan guyyoota 5 darbeera. Yeroo kanattis qormaata, hojii manaa dabalatee gahe baratootarra eegaman bahaa hin jiran” jedhe. Itti dabaluudhaanis, barattoota maaskii gurraacha uffatanii gara mooraa seenan irrattis poolisoonni doorsisa irraan gahaa akka jiran ibse.
Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa dhimma kanarratti xalayaa “isa dhumaa” jedhe Amajjii 23, 2025 Ministeera Barnootaaf barreesseen, “sarbama mirgaa Muslimoonni sadarkaa barnootaa hundarra jiran sababa uffata Islaamaa uffatan qofaaf ta’aa jiru” furmaanni dhaabbataa akka argatu gaafateera.
Manni marichi dhimma barattoota dubartoota muslimaa uffannaa isaaniin walqabatee barnoota irraa ittifaman furmaata dhaabbataa argachuuf marii gaggeessaa akka tureefi ji’a kana qofa Ministeera Barnootaatiif xalayaa sadii barreessuu yaadachiiseera.
Haa ta’u malee gadi fageenya rakkoo kanaa ilaalcha keessa galchuun hanga ammaatti ministeericha irraa deebii malu kan hin arganne ibsuun, ammas rakkoon kun barattoota Musliimaa Yunivarsiitii Diillaa mudachaa akka jiru akeekeera.
Xalayaa “dhumaa” kanaan barattoota dubartoota Muslimaa Yunivarsiitii Diillaa, kanneen uffata Islaamaa uffatan qofaaf mirga barnootaa heera mootummaa irraa mulqamaniif hatattamaan gara barnoota isaaniitti deebi’uun furmaata bulchiinsaa dhaabbataa akka kennu gaafateera.
Dhimma kana ilaalchisee hoggansa Yuunivarsiitii Diillaa qunnamuuf yaaliin Addis Standard taasise hin milkoofne.
Haata’u malee yuunivarsiitichi ibsa gabaabduu fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti baaseen, “barattoonni dubartoota muslimaa hijaaba akka hin uffanne dhorkamaniiru jedhamee odeeffannoon tamsa’aa jiru soba” jechuun haaleera.
Itti dabaluun, “kanaan duras ta’ee amma yuunivarsiitii keenya keessatti hijaaba uffachuun dhorkaa akka hin taane ibsuu barbaanna” jedhe.
Tibbana barattoonni dabartoota muslimaa naannoo Tigraay magaalaa Aksumitti argaman hijaaba uffatanii mooraa mana barumsaa akka hin seenne dhorkamuun dubbii ijoo ta’ee ture. Barattoonni 160 ta’an kunneen uggurri kun “mirga barnootaa fi bilisummaa amantaa heera mootummaatiin kenname cabsa” jedhanii mormaa turaniiru.
Keessummaa barattoonni kutaa 12ffaa magaalittii keessa argaman bulchiinsi manneen barnoota hijaaba akka ofirraa baasan isaan ajajuu hordofee qormaata biyyoolessaatiif guyyaan galmee onlaayinii isa dhumaa Amajjii 02, 2017 ALI jalaa darbuu himaniiru.
Manni Murtii Aanaa Aksum dhaddacha Amajjii 06, 2017 ALI ooleen ajaja manneen barnootaa magaalattii shan barattoonni muslimaa hijaaba uffatanii mooraa mana barumsaa akka hin seenne dabarsan ugguramee akka turu murteessuu ni yaadatama.
Akkasumas manneen barnootaa magaalattii qajeelfama bulchiinsa akkanaa kennan jedhaman shan Amajjii 16, 2017 ALI mana murtiitti dhiyaatanii jecha isaanii akka laatan ajaja dabarseera.
Haata’u malee manneen barnoota magaalichaa ajaja mana murtii kana kabajuu dhabuu isaanitin jalqaba torban kanaa namoonni kumaatamaan lakkaa’aman magaalaa Maqaleetti hiriira bahuun dhorkaa uffannaa hijaabaarra kaa’ame mormaniiru. AS