Oduu: Yuunivarsitiileen “hojii milkaa’inaa” hin galmeessifne itti fufuu akka hin dandeenye ministeerri barnootaa beeksise

Finfinnee, Muddee 26, 2024 – Yuunivarsitiilee biyya keenyaa keessaa kan “hojii milkaa’ina qabu” hin galmeessifne itti fufu akka hin qabne ministeerri ministeera barnootaa Pirof. Birhaanuu Naggaa beeksise.
Birhaanuun kana kan dubbate marii ministeerri barnootaa boordii hoggansa yuunivarsitiilee biyya keessaa waliin guyyaa kaleessaa gaggeesseerrattiidha.
Waltajjiicharratti yuunivarsitiileen biyya keessaa “waliigaltee gahumsaa” ministeera barnoota waliin mallatteessaniiru. Gahumsi yuunivarsitiilee akkaataa waliigaltee kanaatiin kan madaalamuu ta’uu himameera.
Kana malees, baajanni yuunivarsitiileef ramadamuu akkaataa gahumsa isaan galmeessan irratti kan hundaa’uu ta’uu eeruun yuunivarsitiileen milkaa’ina hin galmeessisiifne gara kolleejjii ogummaatti akka gadi buufaman Birhaanuun dubbateera.
“Kana booda baajjanni kan ramadamu baay’ina barattootaafi barsiisotaa yuunivarsitiileen qaban irratti qofa hundaa’ee hin ta’u. Yuunivarsitichi qorannoo gaggaarii hojjachaa jiraa? Barattoota gaggaarii horachaa jiraa? Yeroo baajanni shallagamutti wantoonni kunneen ilaalcha keessa galfaman ta’uu qaba,” Birhaanuun jedheera.
Qabxiileen “waliigaltee gahumsaa” kunneen rakkoolee qulqullina barnootaa mudatan furuuf kan kaayyeeffatan ta’uu Birhaanuun himeera. “Yuunivarsitiin tokko baajata hagamii akka argatu yeroo murtaa’utti qabxiileen kunneen ilaalamuu qabu,” Birhaanuun dabalee jedheera.
Waliigalteen kuni yuunivarsitiileen “dhaabbilee ofiin of bulchan” akka ta’aniif carraa kan uumu ta’uus himameera. Gahumsi gaggeessitoota yuunivarsitiis waliigaltee kanaan kan gamaaggamamu ta’as jedhame. Gaggeessitoonni qabxiilee kanneeniin ilaalamanii gahumsa gaarii argamsiisan guddina sadarkaa akka argatan kan taasifamu ta’a. Karaa biraatiinimmoo, gaggeessitoonni yuunivarsitiilee gahumsa gadi aanaa argamsiisan hojii biraa akka barbaaddatan kan taasifamu ta’uu eerameera.
Kana booda barattoota akkasumaan yuunivarsitiileetti ramaduu hambisuun barattoonni yuunivarsitiilee barbaadan filatanii akka galan kan taasifamu ta’uus Birhaanuun dubbateera.
“Yuunivarsitiileen gahumsa gahaa hin agarsiifne akkasumaan itti fufu jettanii hin yaadinaa. Gahumsa gaarii kan mul’ifne yoo ta’e sababni isaan itti fufaniif hin jiru,” jechuun Birhaanuun akeekkachiiseera.
Murteen kuni kan darbe sadarkaan qulqullina barnoota akka biyyattii gadi bu’uu hordofee ta’uu Birhaanuun haasaa waltajjicharratti taasiseen ibseera. Yuunivarsitiieen sadarkaa dhaabbata qulqullina barnootaafi amala gaarii barsiisuurratti akka hojjatan kan kayyeeffate ta’uus eerameera.Yuunivarsitiileen milkaa’ina gaarii hin argamsiifne gara giddugala leenjii ogummaa yookiin manneen barnoota bultii addaa akka ta’an kan murtaa’uu Piroofeesarichi eereera. Murteen kuni yuunivarsitiileen gahumsa isaanii akka cimsataniif kan isaan kakaasu ta’uus eerameera. AS