DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Namoota geejjiba namaa seeraan alaatiin walqabatee shakkaman 20 ol irratti himanni baname

Finfinnee, Onkololeessa 30/2023 – Bara 2015 ALI namoonni daddabarsa namaa seeraaan alaatiin shakkaman 20 ol ta’an irratti himanni seeraa banamuu fi 630 ol dhimmi isaanii mana murtiitiin ilaalamaa jiraachuun ibsame.

Akka gabaasa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatti,  namoota geejjiba namaa sarara daldalaa Kibba Itoophiyaatii eegalee hanga Afrikaa Kibbaatti diriirfame keessatti gahee olaanaa qabu jedhaman 20 irratti himanni banameera.  Kana boodas hariiroo fi hidhata qaamolee kanneen diiguun kan ittti fufu ta’uu itti gaafatamaan Biiroo dhimma godaantootaa biyyoolessaa   Abrahaam  Ayyaalee wabeeffachuun gabaafameera.

Gochaa kana ittisuufi too’achuuf koreen ministera haqaatiin durfamu kan mootummaa naannolee of keessatti hammatee ijaaramuu eerameera.

Geejjibni lammiileen karaa seeraan alaatiin gara biyya ormaa godhan rakkoo guddaa ta’uun suuraa biyyaa kan xureessu waan ta’eef hojiin guddaan hojjatamuu kan qabu ta’uu ibsameera.

Hojjattoota 500,000 ta’an “karaa seera-qabeessa ta’een” gara biyya alaa erguuf karroorri mootummaan baase rakkoo kana furuu keessatti shoora kan qabu ta’uunis eerameera. AS

Related Articles

Back to top button