DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Lakkofsi uummataa biyyaalessaa waggoota 3 keessatti kan gaggeeffamu ta’uu himame

Finfinnee, Amajii 02, 2024 – Waggoota sadan itti aananii dhufan keesssatti lakkaawwii uummataa biyyaaleessaa gaggeessuuf karoorfachuu ministeerri karooraafi misoomaa beeksise.

Akkaata karoora ministeerichi ifoomseetti, waggoota sadan dhufan keessatti lakkaawwii diinagdeefi qonnaanbultootaafi lakkoofsi uummataafi manaa kan gaggeeffamu ta’a.

Ministeerri ministeerichaa Fitsuum Asaffaa (PhD) akka himanitti, lakkaawwiin qonnaa kuni biyyattiin oodeeffannoo qonnaa qindaa’e akka qabaattu taasisa jedhaniiru. Taatee kana gaggeessuuf hojiileen qophii eegalamuu ministeerichi addeesseera.

Ministeerichi lakkaawwii uummataa kana taasisuuf fedhii kan qabu ta’us ulaagaaleen seera idiladdunyaa kaa’aman gochaa kana kan heeyyamne waan ta’eef ministeerichi gochaa kana tursiisuu himaniiru.

Rakkoon nageenyaa biyyattii mudatee ture lakkaawwiin kuni akka hin gaggeeffamne sababa ta’uus dabalanii erraniiru. Naannoo Amaaraa dabalatee haalli nageeenyaa naannolee hunda keessa jiru fooyyee agarsiisuun ibsameera.

Itoophiyaan lakkaawwii uummataa biyyaleessa yeroo dhumaatiif bara 2007 kan gaggeeessite yoo ta’u sababoota garaagaraatiiin hanga ammaatti osoo hin gaggeeffamin tureera. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button