ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Imiriin Qaataar “haleellaan garajabinaa” Israa’eel raawwachaa jirtu “daangaa darbeera” jedhe

Finfinnee, Okololeessa 24, 2023 – Imiriin Qaataar Sheek Tamiim Bin Hamaad Al Taanii “haleellaa boombii garajabinaa” Israa’eel Gaazaa irratti Onk torbaa eegalee raawwachaa jirtu cimsee qeeqeera.

“Haleellaan boombii lammilee nagaa Gaazaa irratti raawwatame balaafamaa fi daangaa kan darbeedha. Haleellaan lammilee nagaa irratti qaamota lamaaniin saba kamiyyuu irratti raawwatamu ni mormina. Ajjeechaan akka fuulaa fi maqaa hin qabneetti ilaaluun daaa’imman Paalestaayinootaa irratti raawwatamu akka homaa hin taaneetti ilaaluu ni mormina,” Sheek Tamiim maxansa X irratti dhoobaniin jedhaniiru.  

“Amma gaheera Israa’eeliin jenna. Dhugaa qubsumaa, marfamuu fi qubannaa akka hin argineetti bira darbuun hin danda’amu,” Sheek Taam Dabalee jedheera.

Akaataa booji’amtoonni Israa’eel itti gadhiifamuu danda’an irratti marii taasifamaa tureen walqabatee Qaataar marii Hamaasiifi Israa’eel gidduutti gaggeeffamaa ture adda durummaadhaan hirmaachaa turteerti.

Qaataar kan giddugala siyaasaa Doohaatii qabdu marii gaggeessaa jirtuun lammiileen lammuummaa Israa’elii fi Ameerikaa al tokkotti qaban lamaa Jimaata darbe gadi lakkisiiusuu fi maguddoo israa’eel lama Wixata bilisa baasuun milkooftee ture.

Ibsi Sheek Tamiim marii nageenyaa Kaayirootti gaggeeffame irratti erga hirmaatee guyyaa sadi boodadha. Mariin Kaayoroottti gaggeeffame kanaan waliigalteerra osoo hin gahamin kan goolabame yoo ta’u Imiriin Qaataarii kuni marichaa irratti homaa osoo hin dubbatin bahee ture.

“Waraana dhiiga dhangalaasaan kuni babal’atee nageenya naannoo fi addunyaa osoo hin booressin waraana kana dhaabuuf qaamoleen naannoo fi idiladdunyaa tarkaanfii cimaa fudhachuu qabu,’ Imirichatu jedhe.

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Biyyi isaa jaarsummaa keessatti qooda fiudhachuu itti kan fuftu ta’uu gaggeessaan Qaataarii kuni Kibxata ibseera.

Qaataar nagaa buusuu fi lola kan furuu keessatti giddugaltuu amanamtuudha. Walqunnamtii aadaatiif eeyyamamaa ta’uun keenya bilchinaa fi misooma musliimoota eenyummaa Araba Qaataarii qabaniif bu’aa qaba,” Sheek Tamiimtu jedhe.

Qaataariin booji’amtoota bilisa baasuuf marii kan itti fuftuu ta’uu maddi keessoo mootummaa Qaataarii The National dubbistti himuun gabaafameera. Xiyyeeffannoon yeroo kanaa booji’amtoota maanguddoo bilisa baasuu irrattiidha.

“Booji’amtoonni Ameerikaa lama Haamaasiin gadhiifamuun… kan milkaa’e erga qaamolee hunda irra deddeebiin haasofsiifnee boodadha. Mariin booji’amtoota bilisa baasuu Qaataariin eegalte akka itti fufuuf ministeerri haajaa alaa keenya qaamolee hunda wajjiin hojjachuu kan itti fufu ta’a. Yeroo kana jennee waadaa galuu baannuus mootummaan Qaataarii dhimma kana irratti si’aa’inaan hojjachaa jira,” madda keessoo kanatu jedhe.

Qaataar Haamaasii wajjiin mari’achaa kan jrtu ta’us hariiroo kanaan dura ijaarame waan hin jirreef israa’el wajjiin mari’achuuun itti ulfaachuu ibsameera. Akkasumas, marii Qaataar taasifteen daa’imman Yuukreen sadii gara Raashiyaa fudhatamaniiru.

Maddi ministeera haajaa alaa Qaataarii kuni gahee Qaataar araara Raashiyaa fi Yuukreen keessattti taphatte irra deebiin ni milkeessu abdii jedhu kan qaban ta’uu eeraniiru. AS

Related Articles

Back to top button