ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Jiraataan Godina Shawaa Kaabaa humnoonni mootummaa lammiilee 7 ajjeesan jedhe

Abdii Biyyansaatiin @ABiyenssa

Finfinnee, Onkololeessa 19, 2023 – Godina Shawaa Kaabaa aanaa Warra Jaarsoo ganda Migiroo Baddeessaa keessatti Onk 14, 2023 humnoonni mootummaa lammiilee nagaa torba ajjeesan jechuun jiraataan aanichaa dhimmichatti dhiyeenya qaba jedhe Addis Standard’itti himeera.

Jiraataa ganda Migiroo Baddeessaa kan ta’e abbaan isaa ajjeefamuu dubbatu Habtaamuu Gabayyoo Addis Standard’itti akka himetti, abbaa isaa obbo Gabayyoo Gammachuu  guyyaa keessaa naannoo sa’aatii 6:00tti osoo lafa qonnaa isaatti midhaan facaasaa jiruu humnoota mootummaatiin ajjeefamuu hima.

“Abbaan koo Gabayyoo Gammachuu jedhama; qoteebulaa dha. Otoo hojii qonnaa irra jiruu humnoota mootummaatiin ajjeefame,” Habtaamuutu jedhe. Habtaamuun abbaan isaa nama nagaa, nama hawaasa biratti fudhatama qabuu fi hariiroo gaarii qabu ta’uu himeera.

Akkasumas, battaluma abbaan isaa ajjeefame sanatti namoonni biroo sadii humnoota mootummaatiin ajjeefamuu fi yeroo garaagaraatti haadholii lamaa fi daa’imman lama dabalatee ganda Migiroo Baddeessaa keessatti dimshaashumatti namoonni torbaa ajjeefamuu kan beeku ta’uu Habtaamuun dabalee himeera. Namoota ajjeefaman keessaa Gabayyoo Gammachuu, Damisee Sagguu, Shuree Habtaamuu fi Irranaa Yaayyaa muraasa ta’uu Habtaamuun eereera.

Kana malees, mucaa obboleessa abbaa isaa kan ta’e Shallamaa Gammachuu, soddaa abbaa isaa Jimaa Dhufeeraa fi obboleessa haadha manaa abbaa isaa Nugusee Mul’ataa jedhaman humnoota kanneeniiin aanaa Kuuyyuutti hidhamanii argamu jedheera. Namni ollaa isaanii ta’e Obbo Kasaayee Taaffasaa jedhamu sababa reeffa abbaa isaa kaaseef qofa aanaa Kuuyyuutti hidhamee kan argamu ta’uu Habtamuun eereera.

Addi Bilisummaa Oromoo ibsa Onk 18, 2023 baaseen, godinaalee Oromiyaa duula humnoonni mootummaa lammilee nagaa “jumlaan ajjeesaniiru” jedhee ture. Mootummaan biyya bulchaa jiru rakkoo siyaas-dinagdee biyya qunname hiikuu waan dadhabeef duula “qurxummii bishaan keessaa balleessuuf galaana gogsuu” jedhuun ummata nagaa fi meeshaa hin hidhatin ajjeessaa jira jechuun ABOn gochaa kana kan falmu ta’uu ibsee ture. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button