ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Ergamaa Addaa Ameerikaa Maayik Haamar daawwannaa hojii guyyaa kudhaniif gara Itoophiyaa fi Keeniyaa imalan

 Finfinnee, Hagayya 29/2023 – Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa Ameerikaa Maayik Haamar har’a Hagayya 29, 2023 irraa eegalee hanga Fulbaana 8, 2023 Keeniyaa fi Itoophiyaatti daawwannaa hojii guyyaa kudhanii kan taasisan ta’uu ibsame. 

Waajjira Dhimma Alaa Ameerikaa ibsa baaseen, Maayik Haamar turtii Finfinneetti taasisaniin aanga’oota biyyattii faana dhimma hojiirra oolmaa waliigaltee nagaa mootummaa federaalaa fi ABUT gidduu mallattaa’e ilaalchisee ni mari’atu jedhame eegama. 

Dabalataan walitti bu’iinsi naannolee Amaaraa fi Oromiyaa deemaa jiru mariidhaan akka hiikamu taasisuu fi lammiileen nagaa akka hin miidhamne taasisuu danda’amu irratti akka mari’atan waajjirri dhimma alaa Ameerikaa beeksiseera. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button