ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Haleellaa diroonii mootummaa naannoo Amaaraatti raawwateen lubbuun namoota 20 ol darbe; Mana barumsaa fi buufafata konkolaataa haleelamaniiru: UN

Finfinnee, Sadaasa 18/2023 – Haleellaa qilleensaa mootummaan naannoo Amaaraatti raawwateen lubbuun namoota 20 ol darbuu Komishiniin Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii beeksise. Dhaabbatichi ibsa kaleessa Sadaasa 17, 2023 baaseen, bakkeewwan haleellaan kun irratti xiyyeeffatan keessaa manneen barnootaa fi buufata konkolaataa akka jiran ibseera.

Miidhaa hamaa haleellaawwan diroonii naannoo Amaaraatti qaqqabsiisan yaaddeessaa ta’uu kan ibse UN, haleellaa diroonii humnoonni mootummaa Sadaasa 06 aanaa Waadaraa keessatti mana barumsaa irratti raawwataniin barsiisota sadii dabalatee namoonni 7 ajjeefamaniiru.

Sadaasa 09 godina Goojjam Bahaa magaalaa Waabir keessatti haleellaa buufata konkolaataa irratti raawwatameen namoonni 13 otobusii eegaa turan ajjeeffamuu isaanii ibseera. Yeroo haleellaa qilleensaa kun raawwatameetti hidhattoonni Faannoo naannoo sana akka turan kan beeksise UN, kaampii waraana Raayyaa Ittisa Biyyaa Dabra Maarqoos keessa argamuu fi magaalaa godina Goojjam Bahaa fi Lihaatti argamtu haleeluun isaa ni ibseera.

Sadaasa 14 godina giddu galeessa Gondar magaalaa Chuwaahit keessatti haleellaa humnoonni mootummaa naannowwan mana jireenyaa irratti raawwataniin lubbuun namoota 6 yoo darbu, namoonni 14 ammoo madaa’aniiru. Namoonni kunneen irra caalaan isaanii mana isaanii keessatti ajjeefaman jedhan.

Kana malees, haleellaa hidhattoonni Faannoon Onkoloolessa 09 godina Gondar Kibbaa magaalaa Alambar, Onkoloolessa 28 ammoo godina Awwii aanaa Jibaayit irratti raawwataniin, qondaaltota mootummaa fi hoggantoota paartii biyya bulchu dabalatee namoonni 21 akka ajjeefaman komishinichi eereera.

UN dhiittaan mirga namoomaa fi hidhaa seeraan ala kaaba lixaa naannoo Amaaraa fi naannolee birootti itti fufee jiru yaaddeessaa ta’uu ibseera. Qaamoleen hundi haleellaa seeraan alaa irraa of qusachuu akka qabaniifi nageenya namoota nagaa akka eegan gaafateera. Dabalataan Raayyaan Ittisaa fi michoonni isaa dirqama mirga namoomaa Itoophiyaa guutummaatti bahachuu akka qabanis hubachiiseera. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button