ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Maayik Haamar dhimma Itoophiyaa irratti mari’achuuf gara Awurooppaa imalan

Finfinnee, Hagayya 21/2023 – Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa Ameerikaa kan ta’an Maayik Haamar gara ardii Awurooppaatti imaluun dhimma haala yeroo Itoophiyaa fi Hidha Haaromsaa irratti biyyoota miseensa Gamtaa Awurooppaa waliin akka mari’atan waajjirri Dhimma Alaa Ameerikaa beeksise.

Akka waajjirri Dhimma Alaa Ameerikaa ibsetti, Imala Maayik Haamar gara Awurooppaa taasisan Hagayya 19 hanga 25, 2023 kan turu yoo ta’u, turtii torban tokko Siwiidin Istookhoolm fi Beeljiyeem Biraasilsi keessatti taasisaniin Gamtaa Awurooppaatti bakka bu’oota Itoophiyaa fi Sudaan waliin ni mari’atu jedhame eegama.

Maayik Haamar jalqaba marii dhimma bishaan addunyaa irratti Siwiidinitti qophaa’e irratti akka hirmaatan kan eere ibsichi, achumaan dhimma Hidha Haaromsaa irrattis marii kan taasifamuu ta’uu ibseera. 

Itti aansee gara Beeljiyeemitti qajeeluun Gamtaa Awurooppaatti bakka bu’oota Itoophiyaa waliin wal arguun rakkoo nageenyaa naannoo Amaaraa fi Oromiyaa Itoophiyaa keessatti uumame karaa nagaa hiikuun danda’amu irratti ni mari’atu jedhameera.

Dabalataan haala aanga’oota Gamtaa Awurooppaa waliin wal arguun haala waliigaltee nagaa humnoota Tigraay fi mootummaa federaalaa gidduutti mallattaa’e guutummaatti hojiirra oolchuun danda’amu fi akkaataa itti deeggaramuu danda’u irrattis akka mari’atu ibsi waajjira Dhimma Alaa Ameerikaa irraa argame ni mul’isa. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button