ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii qoqqobbii Somaaliyaa kaase

Finfinnee, Muddee 02, 2023 –  Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti koreen nageenyaa qoqqobbii waggoota 30f Somaaliyaarra kaa’ee ture kaasuu beeksise.

Qoqqobbiin kuni bara 1992 keessa yeroo lolaafi gaaga’amni namoomaa Somaaliyaa keessatti hammaatee ture hordofuun kan kaa’ame ture.

Qoqqoobbiin dandeettii meeshaa waraanaa argachuu Somaaliyaa daangeessuuf kaa’amee ture kuni akka kaafamu koreen nageenyaa kuni Jimaata darbe harka guutuun murteessee ture.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii bara 1992 humna waraanaa Somaaliyaa irra qoqqoobbii waliigalaafi hunda hammate kaa’ee ture. Dhaabbata Moootummoota Gamtoomaniitti Ergamaaa Somaaliyaa Abukar Daahiir Osmaan qoqqobbii kaasuun kuni Somaaliyaan rakkoo nageenyaa mul’atu keessumaa kan garee Alshabaab gaggeessuu ofirraa qoolachuu akka dandeessu taasisa jedheera.  

“Murteen kuni dandeettii Somaaliyaan meeshaalee waraanaa barbadeessuuu danda’an hidhachuun nageenya lammiileefi uummata keenyaa tiksuu kan guddisuudha,” jechuun akkaataa itti fayyadamaa meeshaalee waraanaa gurguddoo kanaa seeraan too’achuun biyyoota ollaa wajjiin nageenya waaraa buusuuf kutannoo kan qaban ta’uu himeera. AS

Related Articles

Back to top button