ODUUSIYAASA

Oduu: Daandiin gara Tigraay geessu naannawaa Allaamaaxaatti cufamee turuu himame

Finfinnee, Waxabajjii 19/2024 – Daandiin guddicha Finfinnee irraa gara Naannoo Tigraay geessu naannawaa Raayyaa Allaamaaxaatti guyyoota sadan darban keessa cufamee sochiin konkolaataa danqamuu jiraattota fi aanga’aan Addis Standarditti himan.  

Dhuma torban darbe kaasee dargaggoonni daandii guddicha gara Tigraay geessu irratti dhakaa guuruun karaa cufuuf yaalii godhanis humni Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Poolisii Federaalaa daandii cufame bansiisaa turuu jiraattoonni Addis Standard dubbise himan. 

Jiraataan magaalaa Qobboo tokko yaada Addis Standarditti laataniin, Waxabajjii 16 konkolaattoonni fe’umsaa gara Maqalee imalaa turan karaan itti cufamee gara Qobboo osoo deebi’an arguu himaniiru. Dabalataan, konkolaattonni karaa Affaar imalaa turanis arguu dubbatan. 

Konkolaattonni uummataa magaalota Waldiyaa fi Qobboo irraa ka’an hanga seensa magaalaa Allaamaaxaatti erga imalanii booda magaalaa Allaamaaxaa irraa akka deebi’an himan. 

Daandiin guyyoota sadiif cufamaa ture kaleessa Waxabajjii 18, 2024 waaree booda eegalee banamuu jiraattonni dabalanii himaniiru. 

Bulchaan godina Kibba Tigraay Obbo Haabtuu Kiroos gama isaaniin, guyyoota sadan darban keessa seensa magaalaa Allaamaaxaatti yaaliin karaa cufuu godhamuu eeruun, haata’u malee daandiin kun “guutummaan guutuutti akka cufame odeeffannoo dhiyaachaa jiru sirri miti” jedhan.

“Qaamoleen waliigaltee Piritooriyaa akka hojiirra ooluu hin barbaanne dargaggoota magaalattii gurmeessuu fi maallaqaan bituun hokkora kakaasuuf yaalii gochaa jiru,” kan jedhan Obbo Haabtuun, qaamolee kunneen “yeroo waraana Tigraayitti lafa Tigraay saamaa kan turaniidha” jechuun ibsan.

Raayyaan Ittisaa fi Poolisiin Federaalaa daandii dargaggoota kanaan cufame banaa akka turan kan eeruun, haata’u malee “miseensonni poolisii federaalaa muraasa dargaggoota kanneen waliin tumsaa akka turan odeeffannoo qabna” jedhan.

Poolisiin Federaalaas miseensotasaa naannoo sana turan irra caalaan kaasuun miseensota biroon bakka buusuu himan. AS

Related Articles

Back to top button