DHIMMA HAWAASAAODUU
Trending

Oduu: Afaan Oromoo afaanota 133 Google galmeesse keessaa tokko ta’e

Geetahun Laggasaatiin @Birmaduu2

Finfinnee, Onkolooleessa 06, 2023 – Afaan Oromoo afaanota addunyaa irra jiran 7,000 ta’an keessaa afaanota 133 kan Google irratti galmaa’uun tajaajila hiikaa afaanii qaban keessaa tokko erga ta’ee waggaa tokko darbuun ibsame.

Hoji-gaggeessaan 3A Abdiisaa Baancaa akka jedhanitti, yeroo ammaa kana qulqullinaa fi baay’ina kuusa jechoota Afaan Oromoo Hiikaa Google (Google translation) irratti galmaa’anii dabaluuf hojjatmaa jiraachuu ibsan. Dhaabbanni 3A Afaan Afrikaa hojii Afaan Oromoo dijitaaleessuu kana adda durummaan gaggeessaa jiraachuu dabalee himeera.

Taateen Afaan Oromoo dhaabbata dijitaalaa guddaa- Google- irratti galmeessisuu kuni Afaan Oromoo dagaagsuu, ammayyeessuu fi afaanicha afaan dijitaalaa fi afaan idiladdunyaa keessatti akka hiriiru taasisuu Abdisaan himeera. Akkasumas, afaanichi afaan teeknoolojii, afaan bittaa fi gurgurtaa akka ta’uu fi carraa hojii hawaasa Oromootiif kan uumuu ta’uu himan.

Yaaliin afaanicha Google irratti galmeessisuuf si’a afur taasifame hin milkaa’in hafus tumsaa fi hirmaannaa hawaasa Oromootiin si’a shanaffaa irratti milkaa’uun himameera. Kunis ciminaa fi cichoomina garee 3A fi himaattonni piroojekitchaa agarsiisaniin kan dhugoomfameedha.

Yeroo ammaa kana qulqullinaa fi baay’ina kuusa jechoota Afaan Oromoo Google irra jiranii dabaluuf gaazexeessitoota dubartootaa fi hayyoota afaanii yuunivarsitii garaagaraa waliin hojjachaa jiraachuu hoji-gaggeessaan kuni dabalee himeera. Kana hordofee, qulqullinni hiikaa Afaan Oromoo dabalaa jiraachuu eeraniiru.

Afaan oromoo afaanota gurguddoo addunyaa keessaa tokko ta’ee Googliin galmaa’uun milkaa’ina ta’uu himaniiru. Addunyaa guutumatti gara dijitaala’uutti galaa waan jirtuuf Afaan Oromoo dijitaaleessuun carraa filannoo hin qabne ta’uun himameera.

Dura taa’aan Boordii 3A Prof. Prof. Tashoomaa Sooromsaa, gama isaatiin, milkaa’inni argame hamilee kan namatti horuu ta’uu ibsuun namoota dhuunfaa fi dhaabbilee piroojektii kana dhugoomsuuf hirmaatan galateeffataniiru. Afaan Oromoo akka hin guddanneef dhiibbaa fi hacuuccaan godhamaa turee cabsuun sadarkaa kanarra gahuun kan nama gammachhisu ta’uu eeraniiru.

Afaan Oromoo galmeessisuun dura jechoota afaan Oromoo miliyoona tokko hiikaa Ingliizii wajjiin Beettaa (Beta) isaa irratti akka galmeefffamu gaafatee ture hirmaannaa hawaasa Oromoo biyya keessaa fi alaatiin erga milkeessinee booda Google Afaan Oromootiif bara 2022 beekamtii kennuu miseensi Boordii 3A Fiqaaduu Qana’aa (PhD) addeessaniiru. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button