ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Al-Shabaab Somaaliyaatti konkolaattota waraanaa Itoophiyaa haleeluu ibse

Finfinnee, Fulbaana 18/2023 – Hidhattoonni Al-Shabaab biyya Somaaliyaa Kibba Lixaa naannoo Baakuul jedhamutti konkolaataa loltoota Itoophiyaa fe’ee ture irratti haleellaa gaggeessuu aanga’oonni Somaaliyaa himan. 

Haleellaan kuni konkolaattota waraanaa lama; tokko kan magaala Yiid irraa gara Wajiid fi kan lammataa El Baardee irraa gara Huduur imalaa turan irratti kan xiyyeeffateedha. Loltoonni Itoophiyaa Wajiidii fi Huduur keessaa buufata qabu.

Humnoonni naannoo konkolaataa El Baardee irraa gara Huduur imalaa ture eegaa turuu qondaalli Somaaliyaa ibseera.

Kantiibaan Huduur Omar Abdullaahii Mohaammud waraanni kan eegale haleellaa Al-Shabaab eegalee hordofee ta’uu himeera. 

“Waraanichi kan eegale qaamoleen farra nageenyaa konkolaattota waraanaa Itoophiyaa fi Somaaliyaa kan Wajiid irraa gaara Huduur imalaa turan irratti dhukaasuun haleellaa eegaluu hordofeeti,” Mohaammadtu jedhe. “Loltoonni ofirraa qolachuun haalli ture tasgabbaa’eera.” 

Hidhattoonni Al-Shabaab 50 ta’an ajjeefamuu Mohaammad dubbateera. Qondaalli naannoo maqaansaa akka hin eeramne gaafate haleellaa cimaan kuni loltoota Itoophiyaa kan loltoota Itoophiyaa Wajiid keessa qubatanii jiraniif meeshaalee waraanaa geejjiibaa turan irratti kan xiyyeefateedha jedhe.

Konkolaataa waraanaa kuni magaala Yiid irraa Sanbata duraa kan ka’e yoo ta’u ganda Bookoo kan kaaba Wajiid 40km irratti argamtu cinaatti halkan sana dabarsee ture. “Yeroo bari’eetti konkolaatichi gara Wajiiditti geejjiba eegalee turus Al-Shabaabiin haleelameera,” qondaalichi jedheera.

Waraanichi sa’aatii afuriif itti fufee turuu qondaalichi dubbateera. Al-Shabaab haleellaa kana gaggeessuu amaneera. Al-Shabaab ibsa baaseen loltoota Itoophiyaa 167 ajjeessuun, konkolaataa waraanaa barbadeessuu fi meeshaalee waraanaa fi rasaasa to’annoo isaa jala oolchuu himeera. Lakkoofsa namoota haleellaa kanaan ajjeefaman mirkaneessuu hin danda’amne.  

Haata’u malee, Somaaliyaatti ambaasaaddari Itoophiyaa Muktaar kadiir dhaamsa karaa miidiyaa hawaasaatiin dabarseen “odeeffannoo olola” jechuun haalan. “Haleellaa gaggeessuu yaaluu danda’u. Haata’u malee, daqiiqaa kudhanii ol [loltoota Itoophiyaa] waraanuu hin danda’an,” jedhan.

Kun kanaan otoo jiruu, humnoonni mootummaa Somaaliyaa magaalota ijoo akka Ba’adweeynee fi gandoota xixiqqoo biroo sadi Qodqod, Qay’aadii fi Shaabeeloo to’annoo jala oolchuu qondaalonni Somaaliyaa ibsaniiru.

Ajajaan humnoota naannichaa Mohaammad Nuur Alii waraana gabaabduu Sanbata Guddaa godhameen Al-Shabaab Ba’adweeynee fi gandoota biroo lama gadhiisee baqachuu himeera. Loltoonni mootummaa fi lotoota naannootii gargaaramanii magaala afraffaa Amaaraa kan naannoo Galmuudeesh keessatti argamtutti deemaa jiraachuu himeera.

Mootummaan Somaaliyaa ganda Alii Foldeeree naannoo walakkaa Shabaleetti  Sanbata Duraa fi Sanbata Guddaa “miiltoo idialaddunyaa” wajjiin ta’uun humnoota Al-Shabaab kan laga qaxxaamuraa turan irratti duula gaggeessa jiraachuu ibseera. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button