ODUUSIYAASA

Oduu: Amnastii Intarnaashinaal yeroo hojii gareen qorannoo idil-addunyaa UN Itoophiyaatti muude akka dheeratu gaafate

Finfinnee, Fulbaana 19/2023 – Amnastii Intarnaashinaal ibsa Fulbaana ibsa Fulbaana 18 baaseen Komishiniin Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii yeroo qorannoo garee ogeeyyii sarbamiinsa Itoophiyaa keessatti raawwatame qorachuuf hundeeffame akka dheeressu gaafate.

Dhaabbanni mirga namoomaa idil-addunyaa Amnastii ibsa isaatiin rakkoon kun ammallee biyyattii keessatti babal’achaa akka jiru ibseera. Biyyoonni miseensa Mana Maree Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii yeroon hojii garee qorattoota idil-addunyaa dheeressuun xiyyeeffannoon idil-addunyaa biyyattiif akka kennamu gaafataniiru.

Gabaasni gareen qorannoo kun baase dhiittaan mirga namoomaa walitti bu’iinsa biyyattii keessatti uumamuun walqabatee hangam hamaa akka ta’e kan agarsiisu ta’uu kan ibse Amnastiin, dhiittaan mirga namoomaa kutaa kaabaa biyyattii keessattuu Tigraay keessattis uumamaa ture gara naannolee Amaaraa fi Oromiyaatti ce’aa jiraachuu agarsiisa jedhe.

Gabaasni garee qorannoo kanaa akka agarsiisutti amma yeroon qorannoo Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Itoophiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru dhaabu miti jedhe. 

Hireen garee qorannoo kanaa walgahii 54ffaa mana marichaa gaggeeffamaa jiru irratti kan hundaa’u ta’a. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button