Finfinnee, Muddee 20/2023 – Baankiin Misooma Afrikaa hojjettootasaa lammummaa biyya alaa qaban atattamaan Itoophiyaa keessaa baasuuf ta’uu beeksise.
Baankichi murtoo kanarra kan gahe baatii tokko dura hoji gaggeessaa baankichaa damee Itoophiyaa Dr Abdul Kamaaraa dabalatee hojjettoota isaa lama irratti Finfinneetti qaamolee nageenyaan haleellaa raawwatamuu hordofee ta’uu eerameera.
Yeroo haleellaan kun raawwatamu baankichi mootummaa Itoophiyaaf xalayaa komii kan barreesse yoo ta’u, mootummaanis atattamaan qorannoo gaggeessee bu’aa qorannoosaa akka ifa godhu ibse ture.
Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Mallas Alam ibsa miidiyaalee biyya keessaaf Sadaasa 16 kennaniin, Baankicha fi Ministeera Maallaqaa Itoophiyaa dhimma kaffaltii waggaa irratti gidduu isaanii waldhabdee haala amma uumameef sababa ta’e uumamuu ilaalchisee gaafatamanii turan.
Ambaasaaddar Mallas wayita deebisan, “taateen kun baankichi waajjira isaa akka cufu hin goone, hariiroon lamaan gidduu jirus hin cinne,” jedhan.
Baankichi ibsa yeroos Addis Standardiif ergeen, taateen kun “taatee dippilomaasii baay’ee hamaa ta’eeti, ergasii Baankiin Misooma Afrikaa aanga’oota Itoophiyaatti komii sirnaa dhiyeessee jira” jedheera.
Mootummaan Itoophiyaa komii isaa sirnaan fudhachuu qofa osoo hin taane, “hammana taatee kanaa hubatee qaamonni seera cabsuu keessatti hirmaatan hundi gadi fageenyaan qoratamanii seeratti akka dhiyaatan, iftoominaa fi itti gaafatamummaa guutuu akka mirkanaa’u nu mirkaneessee jira,” jedhe ture.
Haata’u malee, “mootummaan Itoophiyaa qorannoo qaamolee nageenyaa haleellicha raawwataniiru jedhaman irratti gaggeeffame baankichaaf qooduu dhabuu isaatinii fi hojjettoota biratti gama nageenyaan amantaa guutuu argachuu dhabuu isaatin,” baankichi hojjettoota isaa idil addunyaa Itoophiyaa keessaa baasuuf murteessuu pireezidaantiin baankichaa Akinwumii Adeesinaa beeksisaniiru.
Baankichi hojjettoota lammummaa biyya alaa qaban atattamaan Itoophiyaa keessaa baasuuf murteessuus waajjirri isaa Itoophiyaa keessa jiru banaa ta’e akka turuu fi murtoon kun hojjettoota lammii Itoophiyaa kan hin ilaallanne ta’uu ibsameera.
Akka gabaasa Rooyitarsiitti, Baankiin Misooma Afrikaa Itoophiyaa keessatti piroojektoota saddeet gatii dolaara miiliyoona 308 qaban sochoosa. AS