DHIMMA HAWAASAAODUU
Trending

Oduu: Barattoota 3.2% qofa qabxii darbiinsa qormaata biyyaaleessaa kutaa 12ffaa baranaa galmeessan: Ministeera Barnootaa

Finfinnee, Onkoloolessa 09/2023 – Qabxiin Qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaa ifoomuu Ministeerri Barnoota beeksise. Ministeerichi qabxii qormaata biyyaaleessaa kutaa 12ffaa ilaalchisee ibsa har’a gaazexeessitootaaf kenneen barattoota waliigalaa qormaata biyaaleessaa 12ffaa fudhatan 845,099 keessaa 3.2% kan ta’an ykn lakkoofsaan 27,267 qofa qabxii darbiinsaa galmeessu ibseera.

Barattoota qabxii darbiinsa galmeessisan 27,267 keessaa 18,383 dhiira, 8,884 dubaraa yoo ta’an, isaan kunneen keessaa barattootni 220 qabxii olaanaa (Saayinsii Uumamaaf 600 ol, Saayinsii Hawaasaaf ammoo 500 ol) galmeessaniiru.

Qormaatni bara 2015 kan bara darbe bira qabame yoo ilaalamu, haala fooyyee qabuun hanna irraa bilisa ta’eera kan jedhe Ministeerichi, gama qabxiitin garuu walfakkaataa ta’uu ibseera. Qabxiin olaanaa barana galmeeffame; Saayinsii Uumamaan 649 magaalaa Finfinnee irraa, Saayinsii Hawaasaan ammoo 533 magaalaa Dabra Maarqoos irraa galmaa’eera. 

Akka ibsa miniteerichaan, manneen barnoota barattoota isaanii qormaata baranaa qoramsiisan 3,106 keessaa 1,328 (42.8%) barattootni isaanii guutummaatti hin dabarre. Gama biraatin manneen barnoota shan barattoota isaanii guutummaatti kan dabarsan yoo ta’u, mana barumsaa bultii addaa Odaa dabalatee kanneen biroo shan ammoo barattoota 95% dabarsaniiru. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button