DALDALAODUU
Trending

Oduu: Chaayinaan Itoophiyaaf yeroo liqaa ittiin kaffaltu akka dheereessitu beeksiste

Finfinnee, Hagayya 24/2023 – Walga’ii BRICS-Africa Outreach fi BRICS Plus Afrikaa Kibbaa magaalaa Johaanisbargitti gaggeeffamuun dura Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmadii fi Pirezidaantiin Chaayinaa Shii Jiinpiing walarguun marii taasisuu waajjirri ministira muummee beeksiseera. 

Marii kana irrattis Preezdaant Shii Jiinpiing Chaayinaan akkaataa waliigaltee bu’uuraa walootiin kaffaltii liqaa bara 2023/2024 kaffalamuuf qabu akka dheereessitu eeruu isaanii waajjirri Ministira Muummee toora miidiyaa hawaasaa irratti beeksiseera. 

Preezdaant Shii Jiinpiing gama misooma biyyaaleessaa hogganuun hoggansa MM Abiy dinqisiifataniiru kan jedhu waajjirri Ministira Muummee, gama nageenya fi misooma, deebisanii ijaaruu irratti, akkasumas gama invastimantii fi hariiroo daldalaa irratti hojiilee dabalataa akka hojjetaman waadaa galamuu beeksiseera.

MM Abiy Ahmad barreeffama Twiitara isaanii irratti maxxansaniin Chaayinaan waggoota darban keessatti deeggarsa taasisaa turteef Itoophiyaan ni galateeffattii jedhan. Walta’insa tarsiimoo biyyoota lamaan gidduu jiru guddina fi misooma waloof bu’uura jabaadha jedhan. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button