DALDALAODUU

Oduu: Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa xiyyaarota Booyiing 67 bitachuuf dhaabbata Booyiing waliin waliigaluu beeksise

Finfinnee, Sadaasa 15/2023 – Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa Xiyyaarota Booyiing 67 bitachuuf Dhaabbata Booyiing waliin waliigaluu beeksise. Xiyyaarota Booyiing 787 Dirimlaaynar 787 11 fi Booyiing 737 Maaks 20 bitachuuf Dhaabbata Booyingiif ajaja dhiyeessuu isaa ibsa baaseen beeksiseera.

Daandiin Qilleensichaa xiyyaarota 31 dhaabbata Booyiing waliin waliigaltee bittaa kallattiin mallatteesseen alattis xiyyaarota Booyiing 787 Dirimlaayinar 15 fi xiyyaarota Booyiing 737 Maaks 21 gara fuulduratti bitachuuf waliigaltee irra gahuu isaa agarsiiseera.

Walumaagalatti daandiin qilleensaa kun xiyyaarota 67 dhaabbata Booyiing irraa bitachuuf walii galeera. Kana malees, waliigaltee agarsiisa qilleensaa idil-addunyaa Dubaay irratti mallattaa’e seenaa daandiin qilleensaa kana keessatti bittaa guddaa ta’uus ibseera.

Hojii gaggeessaan olaanaa daandii qilleensichaa Masfin Xaasaw, ”Dhaabbatni keenya xiyyaarota sadarkaa olaanaa qaban 31, akkasumas xiyyaarota dabalataa 36 gara fuulduratti Booyiing irraa bitachuuf waliigaltee mallatteessuu isaa gammachuu guddaadhaan beeksisa,” jedhan.

Dabalataan, ”waliigalteen xiyyaarota kunneen bitachuuf taasifame mul’ata bara 2035 galmaan ga’uuf qabnu dhugoomsuu fi hariiroo yeroo dheeraa Dhaabbata Booyiing waliin qabnu cimsuuf nu gargaara,” jedhan. AS

Related Articles

Back to top button