DHIMMA HAWAASAAODUU
Trending

Oduu: Mootummaan Itoophiyaa ibsa “dadhabaa” gorsituun barreessaa olaanaa Ameerikaa baafte kuffise

Finfinnee, Onkolooleessa 12, 2023 –  Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti ergamaan addaa Itoophiyaa ibsa gorsituun barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waldhabdee mootummaa fi humnoota hidhatanii socho’an garaagaraa gidduu jiruun walqabatee ibsi baafte kan hin fudhanne ta’uu beeksise.

Ergamaan Itoophiyaa ibsa baaseen, ibsi gorsituun barreessaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Gorsituu Addaa Ittisa Yakka Duguuggaa Sanyii Waayriimuu Niidariiituu baafte kuni dhugaa lafarra jiru ilaalcha irra kan hin galchiin waan ta’eef ibsa “dadhabaa” jechuun kan hin fudhanne ta’uu ibseera.

Gabaasa Ogeeyyii Komishinii Mirga Namoomaa Idil-addunyaa baase kan osoo qorannoo gahaa hin adeemsisinii fi odeeffannoo maddeen amanamoo hin taane irraa sassaabe irratti hundaa’uun baase irratti hundaa’uun ibsi gorsituun addaa baafte kun fudhatama hin qabu jedheera.

Waliigalteen Afrikaa Kibbaatti Sadaasa 2022 Afrikaa Kibbaatti raawwatame waraana kaaba Itoophiyaa akka dhaabbatu taasise ta’uu ibsuun Gareen Gulaalaa Gamtaa Afrikaa adeemsa waraana dhaabuu, hidhannoo hiikuu fi waliitti makuu too’achaa jiraachuu eereera. Waliigaltee kana hojiiitti hiikuuf mootummaan Itoophiyaa kutannoo qabas jedheera.

Akkasumas, Komishiniin Marii Biyyaaleessaa ijaaruun waldhabdee amma jiruu fi kanaan dura ture furuun nagaa buusuuf hojjachaa jiraachuu dabalee ibseera. Hawaasni idiladdunyaa adeemsa hojiirra oolchuu waliigaltee kan akka iddoolee waraanaan hubaman deebisanii ijaaruu fi misoomsuu irratti  gargaarsa cimsee itti fufuu qaba jedheera.

Ibsa “dadhabaa” waliigalteen waraana dhaabuu hin milkoofne jechuun gorsituun addaa baafte ibsa “sirrii hin ta’inii” fi “adeemsa nagaa biyyattii booressu” waan ta’eef dhaamsa akkanaa baasuu akka dhaabdu ergamaan Itoophiyaa gaafateera.

Lola humnoota mootummaa federaalaa fi hidhattoota naannolee biyyattii garagaraatti argaman gidduu adeemsifamaa jiruun walqabatee Itoophiyaa keessatti ammallee yaaddoon duguuggaa sanyii fi yakkoota suukkanneessaa biroo raawwatamuu danda’a jedhu bal’inaan jiraachuu gorsituu Addaa tuni akeekkachiiftee ture

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Akka gorsituu addaa kun jettetti, sodaan duguuggaa sanyii kun Oromiyaa, Tigraay, Amaaraa fi Affaar keessatti olaanaa ta’uu fi haalota duguuggaa sanyii raawwachuuf dandeessisan jiraachuu eeranii ture. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button