DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Dhaabbatni Gargaarsaa Ameerikaa baatii dhufu eegalee guutuu Itoophiyaa keessatti gargaarsa nyaataa dhiyeessuu eegaluufi

Finfinnee, Sadaasa 15/2023 – Dhaabbata gargaarsaa Ameerikaaa (USAID) Itoophiyaa keessatti gargaarsi sadarkaa biyyaatti miidhamtootaaf kennamaa ture kaayyoo hin yaadamneef akka oolu erga mirkanaa’ee booda kenniinsa gargaarsa Itoophiyaa keessa jiru baatilee muraasa dura addaan kutee ture baatii itti aanu eegalee guutummaa Itoophiyaatti akka eegalu beeksieera. 

Dhaabbanni gargaarsaa Ameerikaa (USAID) yaaliin raabsa gargaarsaa guutuu biyyattiitti waggaa tokkoo gaggeessuuf karoorfachuu isaa beeksiseera kan jedhe gabaasni kun, yeroo yaalii kana keessatti gargaarsi nyaataa kennuu fi raabsi isaa fayyadamtoota yaadamee fi namoota maluuf gahuu irratti hordoffii fi qorannoo akka taasisu ibseera. 

Erga yeroo dhiyoo asii waraanni Tigraay keessatti mudatee fi hongee waggoota dheeraaf haala hin mul’anneen biyyattii keessatti mudate Itoophiyaan rakkoo dhiyeessii nyaataa keessa akka galtu taasiseera jedha gabaasni kun.

Dhaabbanni gargaarsaa kun ji’oota hedduudhaaf mootummaa waliin marii dippilomaasii erga taasisee booda dhiyeessii nyaataa akka eegalu gabaasichi ibseera. Haaromsi taasifamaa ture sirna kenniinsa gargaarsa nyaataa biyyattii bu’uuraan kan jijjiiru ta’uu dhaabbati gargaarsaa kun beeksiseera.

Hoggantootni dhaabbilee gargaarsaa fayyadamtoota gargaarsa nyaataa barbaadan adda baasuuf itti gaafatamummaa akka fudhatanii fi daangeeffama tokko malee iddoowwan gargaarsi itti raabsaman daawwatanii akka to’atan mootummaan Itoophiyaa waliigaluu isaa ibsameera. AS

Related Articles

Back to top button