Finfinnee, Fulbaana 07/2023 – Pireezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Geetaachoo Raddaa, waraana waggaa lamaaf erga gaggeeffame booda Sadaasa darbe xumurameen booda rakkoo siyaasaa fi nageenyaa hamaa naannichatti mudate ilaalchisee ibsa laatan.
Pireezidaantichi Roobii darbe ibsa kennaniin haalli nageenyaa naannichaa hammaachaa dhufuu fi bahanii galuun “qananii” ta’uu ibsaniiru. ”Ummata idilee dhiisii, qondaaltota eegumsa jala jiraniif illee haalli nageenya jiru kan amansiisu miti,” jedhan.
Ibsi Preezdaantichi kun magaalaa guddoo naannichaa Maqalee keessatti hiriira mormii paartilee mormitoota sadiin karoorfame ture dhorkamuu hordofee kan kennameedha.
Hiriira mormii har’a magaala Maqaleetti gaggeeffamuuf karoorfame tureen walqabtee poolisiin Naannoo Tigraay hoggantoota olaanoo fi miseensota paartilee mormituu sadii fi namoota biroo lakkoofsaan 20 ol ta’an to’annoo seeraa jala oolche. Irra caalaan mormii kana kan waaman paartilee mormitoota sadii Paartii Walaba Tigraay, Salsaay Wayyaanee fi Baayitoonaa jedhamani..
Jiraataan magaalaa Maqalee maqaan isaa akka hin ibsamne gaafate tokko akka Addis Standarditti himeetti, ‘’uummanni nagaa hedduun ganama barii gara bakka mormiin kun gaggeeffamuuf karoorfametti deemanis, poolisiin naannoo sanaa fageenya kiiloo meetira sadirraa akka hin dabarre dhorkeera. Boodarra garuu gara humna fayyadamutti ce’uun reebicha gaggeessan,” jedhe.
Poolisiin Fulbaana 5, 2023 irraa eegalee miseensa paartilee mormitootaa to’annoo jala oolchuu kan eegale yoo ta’u, guyyaa kaleessa Dura taa’aa Paartii Walaba Tigraay kan ta’an Dajanee Mazgabee, Dura taa’aa Salsaay Wayyaanee kan ta’an Hayyaaluu Godifaay fi hogganaa paartii Baayitoonaa Kibroom Barhee erga hidhaarra hiikamanii booda irra deebiin hidhamaniiru.
Itti aanaa dura taa’aa fi itti gaafatamaa dhimma alaa paartii Walaba Tigraay kan ta’an Alamsaggad Aragaay Addis Standarditti akka himanitti, dura taa’aa dhaabicha irraa dabalataan hoggantootni paartichaa haaraa saddeet gara iddoo mormiitti deemanii to’annoo jala oolaniiru.
Akka paartileen kunneen jedhanitti, mormiin kun haala yeroo ammaa Tigraay keessa jiru irratti xiyyeeffachuun waliigaltee nagaa mootummaa federaalaa fi humnoota Tigraay gidduutti mallattaa’e hojiirra akka oolu dhiibbaa taasisuuf kan kaayyeeffatudha. Haa ta’u malee, poolisiin naannichaa hiriira mormii magaalaa Maqaleetti gaggeeffamuuf ture kanaaf hayyama dhorkeera.
Pireezdaant Geetaachoo Raddaan ibsa isaanii keessatti hojjettoota nageenyaa duraanii irra deebi’anii galmeessuu fi hawaasa bal’aa sochoosuun balaa nageenyaa naannichaa salphisuuf tattaaffiin eegalamuu ibsaniiru. “Manneen murtii, poolisii fi dhaabbileen dimokiraasii biroo of danda’anii akka hojjetan hojjechaa jirra” jechuun hubachiisan.
Rakkoo nageenyaa amma naannicha keessatti mul’achaa jiruuf bu’uura kan ta’e rakkoo siyaasaa ta’uu pirezidaantichi mirkaneessaniiru. Mootummaan naannichaa yeroof toora mootummaa fi paartii addaan baasuuf yaalii gochaa jiru akka “farra ABUT” ta’etti fudhatamee bulchiinsa isaa irratti qormaata ta’uu himan. Godinaalee fi aanaaleen bulchiinsa yeroo jalatti bulfamuuf fedhii hin qabnee fi kanarraa kan ka’e sochii bulchiinsaa gufachiisan akka jiranis ibsan.
Itti dabaluun qaamonni baajata ramadanii hojii bulchiinsa yeroo gufachiisuuf hojjetan akka jiran dubbataniiru. “Manneen hidhaa mootummaan hin beekne ni jiru” jedhan.
”Namoota duubatti hafanii fi sarbama mirga namoomaa raawwatan irratti tarkaanfii fudhachuu jalqabneerra. Guyyoota itti aanan keessatti duula gaggeessuun to’annoo jala oolchuu itti fufna. Namootni qarshiif jedhanii nama butan jiru, lammii Eertiraa butatu. Lammiileen Eertiraa qofa osoo hin taane, dhalattoonni naannichaa maatii dureeyyii irraa dhufanis butamaa jiru,” jechuun ifa godhan.
Akka pirezidaantichi jedhanitti, yakkamtoonni yakka kana raawwatan caasaa mootummaa adda addaa dahoo godhachuun, qondaala basaasaa fi hojjettoota dhaabbilee adda addaa fakkeessanii socho’aa turaniiru. ”Qorannoo gochuuf yeroo dheeraa nutti fudhate, har’a irraa eegalee, guyyoota itti aanan keessattis seeratti dhiyeessuuf ni hojjenna,” jechuun pirezidaantichi cimsanii dubbataniiru.
Naannichatti gargaarsi nyaataa saamamuun raabsiin gargaarsa nyaataa akka addaan citu taasise ilaalchisee, namoonni hanna gargaarsa nyaataa qindeessuun shakkaman 480 ol to’annoo jala ooluu isaanii ibsaniiru. AS