DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Industiriin barnootaafi leenjii Chaayinaan deeggaramu Itoophiyaatti hojii eegale

Finfinnee Muddee 18, 2023 – Giddugalli barnootaafi leenjii ministeera barnootaa Chaayinaatiin deeggaramu Itoophiyaatti hojii eegaluu  kamisa darbe ministeerichi beeksiseera. Giddugalli kuni afaan Chaayinaafi ogummaalee teeknikaa garaagaraa hojjattoota dhaabbilee Chaayinaa keessa hojjataniif leenjii kan kennu ta’uu ibsameera.

Akka gabaasa Xinhua‘tti, leenjiin kuni ministeera barnootaa Chaayinatti giddugala afaaniifi qindoominaatiin kan deeggaramu yoo ta’u hariiroo Chaayinaafi biyyoota baha Afrikaa si’eessuufi hojjattoota Itoophiyaafi Chaayinaa walitti firoomsuu yaadamee kan eegalame ta’uu himameera.

Bakka bu’’aan ministeera barnootaa Chaayinaa Soong Yoongboo akka jedhetti, leenjiin kuni hariiroo biyyoota lamaan gidduutti guddachaa dhufe daran cimsuuf kan tajaajiluudha.

“Giddugalli hariiroo Siinoo (Chaayinaa)-Itoophiyaa gidduu jiru cimsuufi jijiirraa beekumsaa si’eessuufi rakkoo waliigaltee furuuf oola,” Soongiitu jedhe.

Giddugalli kuni dandeettii afaan Chaayinaa dubbachuu kan guddisuufi gahumsa teeknikaa hojjattootaa guddisuuf kan oolu ta’uu Soong eereera.

Hojii-gaggeessaan Siinooma Idiladdunyaa Chaayinaa Cheeng Jiin giddugala kana ijaaruun afaan Chaayinaa beeksisuufi carraa wal jijjiirraa hojjattootaa biyyoota lamaan gidduutti ni uuma jedhaniiru. AS

Related Articles

Back to top button