DHIMMA HAWAASAAODUU
Trending

Oduu: Itoophiyaan miseensa Dandeettii Too’annaa Balaa Afrikaa taate

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2023 – Itoophiyaan waliigaltee miseensa Dandeettii Too’annaa Balaa Afrikaa (Africa Risk Capacity) ishee taasisu mallatteessite.

Itti aanaan ministeera haajaa alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaa Itoophiyaa bakka bu’uun dhaabbata Balaa Dandamachuu Afrikaa (ARC) wajjiin waliigaltee mallatteesseera.

Itoophiyaan ARC wajjiin hojjachuun of eeggannoo taasisuu, karoora baasuu fi balaawwan uumamaa fi jijjiirama qilleensaatiin dhufan dandeettii dandamachuu ijaaruuf kan gargaaru ta’uu Misgaanuun haasaa taasisaniin himaniiru.

Jijjiiramni qilleensaa Ittoophiyaa miidhaa jiraachuu ibsuun dhaabbilee naannoo, ardii fi idiladdunyaa akka inshuraansii ARC wajjiin kan hojjattu ta’uu ambaasaaddarichi ibsuun carraan akkasii kuni dandeettii gargaarsa hatattaamaa kennuu biyyattii kan guddisu ta’uus eeraniiru.

ARC qaama dhaabbata qaama Gamtaa Afrikaa kan balaa tasaatiif gargaarsa hatattamaa taasisuuf hundaa’eedha.

Hogganaan Gamtaa Afrikaa Mister Mohaammad Saaleem Bukuhuurii sirna kana irratti kan argame yoo ta’u Itoophiyaan balaa jijjiirama qilleensaatiin dhufu dandamachuuf kutannoo mul’isuu dubbateera.

Ambaassaaddar Misgaanuu dabalee itti aanaa ministeerri faaynaansii Smariitaa Sawaasaw,bakka bu’oota Gamtaa Afrikaa Mohaammad Saalemiin hogganamaniifi bakka bu’oonni instituutii qonnaa fi tiraansfoormeeshinii argamuun gabaafameera. AS

.

Related Articles

Back to top button