ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Komishinii Ogeessota Mirgoota Namoomaa Idil addunyaa sarbamiinsa mirgoota namoomaa Itoophiyaatti raawwataman irratti bu’aa qorannoo isaa ifa godhe

Finfinnee, Fulbaana 23/2023 – Komishinii Ogeessota Mirgoota Namoomaa Idil addunyaa Itoophiyaatti gabaasa waliigalaa haala qabiinsa mirgoota namoomaa Itoophiyaa keessa jiru fi mul’atu ilaalchisee qorannoo bal’aa gaggeesse bu’aa qorannoo isaa Mana Maree Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti dhiyeesseera. 

Gabaasa isaa kana keessatti sarbamiinsa mirgootaa seera idil addunyaa cabsanii fi yakkoota garagaraa Itoophiyaa keessatti, keessattuu naannoo Tigraay, Amaaraa, Affaar fi Oromiyaa keessatti raawwataman irratti gadi fageenyaan qorachuun bu’aa qorannoo isaa adda baasee ka’eera. Sarbamiinsa kunneen ajjeechaa jumlaa, gudeeddii, beeleessuu, humnaan buqqisuu fi seeraan ala hidhuu kan dabalateedha.

Mootummaan Itoophiyaa sarbamiinsa mirga namoomaa karaa seeraa qabeessa ta’een qorachuu waan dadhabeef adeemsa haqa ce’umsaa biyyattii rakkoolee hedduuf akka saaxilamuu godheeras jedha. Itoophiyaan sababa keessoo uumuun  qorannoo idil-addunyaa jalaa miliquuf yaaltee jirti jedha gabaasichi.

Komishinichi qorannoo addatti naannoo Oromiyaatti gaggeesseen, Muddee 1 bara 2021 godina Shawaa Bahaa Aanaa Fantaalleetti hoggantoota hawaasa Karrayyuu humnoota tikaa mootummaatiin hidhamuu fi ajjeefamuu isaanii dabalatee taateewwan ajjeechaa seeraan ala raawwataman hedduu qorateera. Kana keessa dhimmi hawaasa Karrayyuu sirna kadhannaa Waaqa irra otoo jiranii ajjeefaman isa ijoodha. Akka gabaasa kanatti, taatee sanaan namoonni 14 ajjeefamaniiru, 23 immoo kaampii waraanaa keessatti ji’a tokkoo oliif akka hidhamanii turan taasifamaniiru. 

Komishinii ogeessota kun dabalataan akkaataa hidhaa lammiilee nagaa Oromoo irra gahu ibseera. Keessattuu dhiirota yookaa dargaggoota Waraanaa Bilisummaa Oromoo (WBO) waliin hidhata qabu jedhamanii hidhaman hedduu ta’uu eereera.

Akka gabaasichi jedhutti, hidhaan Adoolessa 2020 hanga Bitootessa 2023 gidduutti galmaa’e adda durummaan poolisii federaalaa, humna addaa Oromiyaa fi darbe darbee Raayyaa Ittisaa Biyyaa kan raawwatame yoo ta’u, hidhaan kun dararaa fi sarbamiinsa mirga namoomaa waliin kan raawwatame ta’uu ibseera. Sarbamni mirga namoomaa kun ammallee itti fufee jira jedha gabaasichi. 

Kana malees, miseensa maatii namoota Waraanaa Bilisummaa Oromoo keessa jiru jedhamanii shakkamanis hidhamaa jiru jedha. Itti dabaluun, yeroo garagaraatti dubartoota irratti miidhaan saalaa kan raawwatamu ta’uus addeesseera. Hidhaa fi ajjeechaan yeroo baay’ee uggura sochii sababa godhachuun kan raawwatamu ta’uu fi adeemsi kun ammoo sodaa hamaa ta’eef gumaacheera jedha.

Akkasumas yeroo lola Waraanaa Bilisummaa Oromoo fi Raayyaa Ittisaa Biyyaa gidduutti hammaate tureetti haleellaa diroonii Humni Qilleensaa Itoophiyaa walduraa duubaan naannoo Oromiyaatti ji’oottan Onkoloolessa fi Sadaasa 2022 gara Lixa Oromiyaatti raawwateen namoota nagaa irratti miidhaan gahuu qorannoo kanaan mirkaneeffachuu ibseera. Komishinichi taateewwan adda addaa bakka sadiitti ta’aniin namoonni nagaa ajjeefamuu yookaan miidhamuu isaanii mirkaneessuu akka danda’e gabaaseera. 

Komishinii Ogeessota Mirgoota Namoomaa Idil addunyaa Itoophiyaatti gama mootummaa Itoophiyaa irraa sarbamiinsa raawwataman kana qorachuuf gahumsa fi fedhii gahaa ta’e jiraachuu dhabu kaasuun, akkasumas sarbamiinsi kun ammallee kan itti fufaa jiru ta’uu eeruun turtiin aangoo isaa dheereeffamee qorannoon dabalata akka gaggeeffamu qabu yaada dhiyeesseera. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button