DALDALADHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Konkolaachiftoota 40,000 deeggarsa boba’aa seeraan ala fayyadamaa turan irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Sadaasa, 30, 2023 – Konkolaachiftoota deeggarsa booba’aaf taasifamu karaa seeraan alaatiin fayyadamaniiiru jedhe 40,000 irratti tarkaanfii seraa fudhachuu komishinii karooraafi misoomaa beeksise.

Komishinarri komishinii karooraafi misoomaa Fistuum Asaffaa (PhD) akka jedhanitti, konkolaachiftoonni kunneen sirna deeggarsaa kanaan aklala akka ta’aniifi maallaqa deeggarsa kanaan fudhatan deebisanii akka kaffalan gaafatamuu himaniiru.

Fitsuum yeroo paarlaamaaf ibsa laatanitti, deeggarsi kuni dureeyyii abbootii qabeenyaa mallee harka-qallleeyyiif bu’aan guddaa inni argamsiise hin  jiru jedhaniiru.

Gaaffiin miseensota mana marichaa kaasaniif deebii yeroo laatanitti, Ftsuum akka jedhanitti, deeggarsi kuni harkaqalleeyyii deeggaruuf kan yaadame ta’us bu’aan inni rakkoo geejjibaa furuuf buuse guddaa miti jedhaniiru.

Sababa deeggarsa boba’aatiin birriin biliyoona 23 baasii ta’uu eeruun kaayyoo deeggarsichaa kan hawaasa hundaaf geeejjibaa madaalawaa qaqqabsiisuuf yaadamee godhamee ture kuni hojiimaata irratti rakkoon jiraachuu himaniiru.

Deeggarsa kana fudhachuun tajaajila sirrii ta’e konkolaachiftoonni hin kenniin 40,000 ta’an carraa kana keessaa ugguruun maallaqa fudhatan akka deebisan gaafatamuu Fitsuum ibsiteerti.

Kana males, qaamolee daldal boba’aa seeeraan alaa hojjatan irratti tarkaanfiin fudhatamuu eeraniiru. Teeknoolojii dijitaalawaa fayyadamuun daldalaafi geejjibni booba’aa karaa hordofamaa jiraachuu dubbataniiru.

Gama biraatiin, konolaachiftoota tajaajila hawaaasaa kennaniif  nagahee dijitaalaa eegaluuf qophii taasisa ajiraachuus eeraniiru.

Mootummaan rakkoo geejjibaa salphisuu yaaduun waxabajjii 2023 eegalee konkolaachiftoota tajaajila hawaasaa kennaaniif deeggarsa qarshii taasisa turuun ni yaadatama. AS

Related Articles

Back to top button