DHIMMA HAWAASAAODUU

Oduu: Lixa Oromiyaatti lakkoofsi namoota weerara busaatin du’an “kan gabaafamaa jiru irraa baay’ee olaanaadha” – WHO

Finfinnee, Sadaasa 16/2023 – Waldaan Haakiimota Oromiyaa (WHO), hawaasa Lixa Oromiyaatti weerara busaa hamaan miidhamaa jiruuf tajaajila eegumsa fayyaa hatattamaa kennuuf garee ogeeyyii fayyaa garas ergeera. Waldichi, haalli godina Wallagga Lixaa fi Qeellam Wallaggaa keessa jiru waan gabaafamaa jirurraa “baay’ee hammaataa” ta’uu ibseera.

Akka waldichi gabaasa waajjiraalee fayyaa godina Wallagga Lixaa fi Qeellam Wallaggaa irraa argame wabeeffachuun jedhutti, ji’oota sadan darban qofa keessatti godinaalee lamaan keessatti namoonni dhibee busaan qabamuu isaanii mirkanaa’e walduraa duubaan 156,599 fi 92,376 ta’uu ibsameera. Godinaaleen lamaan kunneen naannichatti dhukkuba busaa mirkanaa’e keessaa %60 ol qabatu.

“Dhaabbileen fayyaa guutummaatti miidhaman ykn tajaajila adda baasuu fi wal’aansaa hin kennine aanaalee baay’ee keessa argaman ilaalcha keessa galchuun, Waldaan Haakimoota Oromiyaa lakkoofsi [gabaafame] tatamsa’ina dhugaa weerara kanaa kan hin agarsiisne, fi rakkoo booddee naannolee kanneen keessatti mul’atu akka hammeessu ni amana,” jedhe.

“Gabaasa afaaniin miseensota hawaasaa irraa argamu du’a baay’ee ol’aanaa ta’u agarsiisa,” jechuun dabalee ibseera.

Baatii Onkoloolessa darbe ogeessa fayyaa waajjira fayyaa godina Wallaggaa Lixaa keessa hojjetu Addis Standarditti akka himetti, hanga Onkoloolessa 12, 2023tti qorannoo dhukkuba busaa godinicha keessa taasifameen, waliigala namoota ho’ina qaamaa agarsiisanii qorataman 222, 268 keessaa kan dhukkubni busaa keessatti argame 128,150 (57.65%) yoo ta’u, isaan keessa lubbuu namoota 45 ol darbeera.

Akka Waldaan Haakiimota Oromiyaa jedhutti, dhukkubsattoonni wal’aansa tokko malee gara manaatti ergamuu ykn qoricha farra busaa gahaa argachuu dhabuu isaanii ibse. Itti dabaluun, kunis hanqina guutuu biyyattii mudate fi rakkoowwan geejjibaa gara Wallaggaa sababa rakkoo nageenyaa irra mudatuun irraa kan ka’een akka ta’e ibseera.

Gareen deebii atattamaa Waldaa Haakimoota Oromiyaa qoricha farra busaa fi meeshaalee yaalaa biroo deeggarsa maallaqaa diyaaspooraa fi miseensota isaa dabalatee qooda fudhattoota adda addaatin bitaman qabatee godina Wallagga Lixaa aanaa Beegii ganda Gunfii fi Koboor, akkasumas godina Qeellam Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan gandoota Gabaa Roobii fi Machaaraa gaheera. Waldichi rakkoolee eegumsa fayyaa weerara dhibee busaa Lixa Oromiyaa keessatti mudate furuuf kutannoo akka qabu ibseera.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Qindeessaan Gargaarsa Namoomaa (UNOCHA) gabaasa dhiyeenya kana baaseen, Naannoo Oromiyaatti namoonni 774,000 ji’oota Waxabajjii hanga Fulbaana gidduutti dhibee Busaatiin qabaman keessaa lubbuun namoota 180 darbuu ibseera. Akka gabaasa OCHAtti godina Wallagga Lixaa keessatti namoonni 120,000 ol ta’an ji’oota Adoolessa hanga Fulbaana gidduutti dhibee kanaan faalamaniiru. AS

Related Articles

Back to top button