ODUUSIYAASA

Oduu: Manni Marii Amantiilee Oromoo Idiladdunyaa mariin nageenyaa WBOfi mootummaa gidduu akka itti fufu gaafatan

Finfinnee Sadaasa 24,2023 – Manni Marii Amantiilee Ooromoo Idiladdunyaa xalayaa MM Abiy Ahmad (PhD) fi Ajajaa Olaanaa WBO Jaal Marrootiif barreesseen “osoo oolee in bulin” mariin nageenyaa marsaa biraa akka itti fufu gaafataniiru.

“Rakkooleen walxaxoo ta’aniifi dhiphinni yeroo akka ture ni hubanna. Haa ta’u malee, faayidaa uummataatiif jecha waldhabdee jiru karaa nagaatiin furuuf akka itti fuftan isin gaafanna,” xalayichatu jedhe.

Qaamoleen lamaan garaagarummaa isaan jidduutti uumameef furmaata waaraa argamsiisuuf  irra deebiin marii nagaa akka gaggeessan xalayichaan jajjabeesseera, akkasumas mariin marsaa lammafffa taasifamaa ture bu’aa argamsiisa jedhamee eegamaa ture fashalaa’uu isaatti gadduu manni marichaa ibseera.

Dabalataan, carraa seena-qabeessa kanatti fayyadmuun nageenya waaraa buusuuf kutanoodhaan akka hojjatan xa;ayichi gaafateera.

“Seenaa saba keenyaa keessatti yeroo murteessaa kanatti, marii hubannoon guutamee fi ijaara taheen nagaa barbaaduufi safuu qabutti fayyadamuu caalaa wanti murteessaan hin jiru,” xalayichi dabalee jedheera.

Waldhabdee qaamolee laman gidduu yeroo dheeraa ture irraa kan ka’e shakkiin qaamoleen lameen gidduutti uumamuu eeruun shakkii jiru qulqulleessuun dantaa uummataatiif akka hojjetan akeekeera. Wal shakkii dhabamsiisuu, daangaa wal amantaa ijaruu fi dhimma waloo irratti akka xiyyeeffatan gaafateera.

Manni Marii Amantiilee Oromoo Idiladdunya kuni rakkoo lammiiwwan qe’eefi qabeenya isaanii irraa buqqa’anii  beelaafi dhukkubootaaf lubbuunisaanii darbaa jiru kanatti qaamoleen lamaan cichanii nagaaf akka hojjatan eeraniiru.

Mariin nageenyaa hoggantoota WBOfi mootummaa Itoophiyaa gidduutti Taanzaaniyaatti gaggeeffamaa ture waliigaltee malee torban darbe keessa goolabamuun ni yaadatama. AS

Related Articles

Back to top button