DALDALAODUU

Oduu: Ministeerichi guyyaa galmee alergitoota jimaa dheerresse

Finfinnee Sadaasa 24, 2023 –  Ministeerri daldalaafi gamtaa naannoo guyyaa dhumaa alergitoonni jimaa akka itti galmaa’an kaa’ee ture guyyaa kudha shaniif fulduratti dheerressuu beeksiseera.

Akkaataa ibsa ministeerichaatiin, galmeen Sadaasa 25, 2023tti akka dhumatu karoorfamee ture gara Muddee 10, 2023 dheereeffameera.

Alergitoonni galmaa’an kunneen calallii cimaa keessa erga darbanii booda eeyyama daldalaa kan argatan ta’uu ministeerichi ibsee ture.

Alergitoota baay’ee galmeessuufi gaaffilee hawaasni kaase irratti hunda’uun guyyaa galmee dheerressuun kan barbaachise ta’uun ibsameera. Aleergitoota ulaagaalee eeraman guutn hundaaf eeyyama kan kennamu ta’uu ibsichi eereera.

Haa ta’u malee, daldaltoonni ulaagaalee kaa’aman hin guunnee eeyyama daldalaa kan hin arganne ta’uu addeesseera.

Addis Standard xiinxala torbanoota lamaan dura maxxanseen, alergitoonni jimaa ulaagaalee kaa’aman kan akka sirna hordoffii kaartaa addunyaa (GPS tracker) hidhachuufi daldala bara darbeetiin galii $500,000 argachuu kaa’aman kunneen ulfaatoo ta’uu ibsameera. AS

Related Articles

Back to top button