ODUUSIYAASA

Oduu: Paartiin Feederaalistii Sidaamaa naannoon Sidaamaa rakkoo “ulfaataa” keessa jira jedhe

Finfinnee, Onkoloolessa 02/2023 – Paartiin Federaalistii Sidaamaa (PFS) ummannii naannichaa rakkoo jireenyaa “ulfaataa” keessa jira jedhe.

Paartichi ibsa baaseen, ummanni naannichaa hiyyummaa, beelaa fi daandiirra jiraachuuf saaxilameera jedheera.  Rakkoon hammeenya jireenyaa kuni kan uumame rakkoo bulchiinsa mootummaa naannichaa kan malaammaltummaa, sanyummaa fi loogiitiin guutame irraa kan madde ta’uu paartichi eereera.

“Malaammaltummaa fi loogiitiin namoota gahumsa hin qabne dorgommii malee hojjattoota qacaruu irraa kan ka’e hojiidhabdummaan daran babal’isuurra darbee ummanni naannciha ogeeyyii gahumsa qabaniin akka hin hogganamne taasiseera,” ibsichatu jedhe.

Dargaggoo malaammaltummaa mormuun “karaa nagaatiin sagalee dhageessisan bulchiinsi naannichaa hiidhaa, dararaa fi ajjeesaa jiraachuu paartichi himeera. Akkasumas, bulchiinsi naannichaa humna waraanaa al-idilee  “Humna Bilisummaa Sidaamaa” jedhamu  ijaaruun ummata naannichaa irratti hojii shororkeessummaa gaggeessaa turuu ragaa qabatamaatiin mirkaneesseera jedheera.

Namoota ragaa qabatamaa waliin gochaa shororkeessumaatiin yakkaman irratti ahimata itti banuu ibsuun bbaa alangaa waliigalaa garuu hamma yoonaatti namoota kana seeraaf kan hin dhiyeessin hafuu paartichi himeera.

Mootummaan namoota gochaa shororkeessuummaa keessati hirmaatan seeraaf akka dhiyeessu, mootummaan naanncihaa gochaa sagalee mormii ukkaamsuuf taasisuuf akka dhaabu, gochaa shororkeessumma fashaleessuu cimsee akka itti fufuu, dhiibbaa siyaasaa paartiilee siyaasaa biyyattii irratti gahaa jiru akka dhaabbatuu fi dhaabbileen mirgoota namoomaaf morman dhimmicha akka hordofan paartichi gaafateera. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button