Finfinnee, Fulbaana 05/2023 – Baatii Sadaasa 2022 keessa mootummaa federaalaa Itoophiyaa fi Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (ABUT) gidduutti waliigaltee waraana dhaabuu mallatteeffamuun dura fi booda Humnootni Ittisa Eertiraa naannoo Tigraay keessatti yakka waraanaa fi yakka namoomaa raawwachuu dhaabbata falmaa mirga namoomaa idil addunyaa Amnastii Intarnaashinaal gabaasa haaraa har’a baaseen beeksise.
Amnastii Intarnaashinaal Caamsaa 17 hanga Waxabajjii 10 2023 gidduutti, aanaalee Maariyaam Shawwitoo fi Kokob Tsibaah keessatti karaa bilbilaan namoota 49 dubbisuu ibseera. Ragaan namootni ijaan argan kun kennan suuraa saatalaayitii fi odeeffannoo dabalataa hojjettoota hawaasummaa, ogeeyyii fayyaa miidhamtootaa fi namoota lubbuun hafan yaalan, qondaaltota mootummaa naannichaa fi dhaabbilee hawaasa siivikii irraa argameen mirkanaa’eera.
Gabaasichi loltoonni Eeritiraa naannoo Tigraay keessatti gudeeddii, garbummaa saalqunnamtii, ajjeechaa fi saamicha raawwachuu ibseera. Amnastii Intarnaashinaal namoota ijaan argan, namoota miidhaa kana irraa lubbuun hafan fi miseensota maatii dubbisuun Onkololeessa 25 hanga Sadaasa 01, 2022tti aanaa Maariyaam Shawwitoo jedhamutti namoota 20 ol, baay’een isaanii dhiira ta’an loltoota Eertiraatin ajjeefamuu gabaaseera.
Kana malees, hojjetaa hawaasummaa ajjeechaawwan seeraan ala ta’e aanicha keessatti raawwataman galmeessee irraa maqaa namoota seeraan ala ajjeefaman 100 ol argachuu kan ibse Amnastii Intarnaashinaal, erga waliigaltee nagaa mallatteeffame booda gara ji’oottan sadiif loltoonni Eertiraa Aanaa Kokob Tsibaah jedhamu keessatti yakkoota akka dubartoota gudeeduu fi saalqunnamtiin garboomsuu, akkasumas namoota nagaa 24 ajjeesuu raawwataniiru jedhe.
Namoonni miidhaa saalaa irraa hafanii fi ajjeechaa raawwatame ijaan argan Amnastii Intarnaashinaalitti akka himanitti, eenyummaa namoota yakka kana raawwatan karaa loqoda Afaan Tigrignaa dubbataniin, akkasumas gosa gaaffilee gaafataniin hubachuu himan. Aanaalee Kokob Tsibaah fi Maariyaam Shawitoo jedhaman naannoo daangaa Eertiraa kan argaman yoo ta’u, namoonni lubbuun hafan loltoota Eertiraa salphaatti adda baasuu akka danda’an dubbatu.
Kokob Tsibaah naannoo daangaa Itooophiyaa fi Eertiraa Godina Baha Tigraay Aanaa Gantaa Afashuum keessatti argamti. Sarbamni seeraa Kokob Tsibaah keessatti raawwatame kun kan jalqabe waliigaltee waraana dhaabuu mallatteeffamuu isaa guyyaa tokko dura ture. Gochoonni miidhaa saal-qunnamtii loltootni Eertiraa dubartoota irratti raawwatan hanga Amajjii 19 bara 2023tti gara ji’a sadiif itti fufe ture.
Maariyaam Shawitoo ammoo Aanaa Godina Giddugaleessa Tigraay, naannoo magaalaa seena qabeettii Adwaatti kan argamtudha. Sarbamiinsa Maariyaam Shawitoo keessatti raawwataman kunneen Onkoloolessa 25 bara 2022 hanga Sadaasa 1 bara 2022 gidduutti yeroo mariin mootummaa Itoophiyaa fi ABUT gidduutti gaggeeffamaa turetti ta’uu ibsameera.
Bahaa fi Kibba Afrikaatti Daarektara Amnastii Intarnaashinaal kan ta’an Tigeree Chaagutaah, “waliigalteen Waraana Dhaabuu mallattaa’us, Tigraay keessatti hammeenyi namoota nagaa irratti raawwatamu itti fufee jira. Loltoonni Eertiraa dubartoota irratti yakka gudeeddii fi garbummaa saalaa dabalatee miidhaa suukaneessaa raawwatu, dhiironni ammoo ajjeefamu,” jedhan.
Gudeeddii fi garbummaa saalaa dubartoota irratti raawwatamu
Amnastii Intarnaashinaal aanaa Kokob Tsibaah keessatti namoota gudeeddii fi garbummaa saalaa irraa hafan 11 kan dubbise yoo ta’u, dubartoonni 40 ol ta’an erga waliigaltee waraana dhaabuu mallattaa’ee booda gudeeddii fi garbummaa saalaa akka isaan mudate dhaabbata hawaasa siivikii naannoo sanaatti himaniiru. Dubartoonni muraasa kaampii waraana loltoota Eertiraa keessaa, kaan ammoo mana ofii keessatti ykn mana loltootni Eertiraa irraa fudhatan keessa gudeedaman.
Amnastii Intarnaashinaal namoota miidhaa saalaa irraa hafan afur kanneen gara ji’a sadiif kaampii loltoota Eertiraa Aanaa Kokob Tsibaah keessatti argamutti hidhamanii gudeeddii fi garbummaa saalaaf saaxilaman dubbiseera.
Dubartoota miidhaa akkanaa irraan gahe keessaa tokko kan taate Faantaan, akka himtetti Sadaasa 01 hanga 03, 2022tti guyyoota sadii walitti aansuun loltoonni Eertiraa shan gareedhaan ishee gudeedamte. Erga loltoota kanaan qabamte booda mana humnoonni Eertiraa kun qabatan keessatti erga tursiifamte booda gara kaampii waraana loltoota Eertiraatti geeffamuun dubartoota biroo 14 waliin turte.
“Ji’oota sadan guutuu dabareedhaan na gudeedaa turan. Ji’a sadan guutuu na dhiisanii hin beekan. Isaan keessaa tokko yeroo deemu inni kaan ni dhufa. Wanti loltootni Eertiraa hin hojjenne jiraa? Guyyaa isaan gara kaampii nu geessanii kaasee kaampii keessa ugguramne. Baane deeggersa yaalaa argachuu hin dandeenye. Maatii keenya daawwachuu hin dandeenye. Dubartoonni na waliin hidhaman hedduu turan,” jette Faantaan.
Akka ragaan namoota lubbuun hafan, hojjetaa hawaasummaa Kokob Tsibaah keessa jiraataniifi qondaaltota mootummaa yeroo naannoo sanaa akka mul’isutti, loltoonni Eertiraa dubartoota kana haadha warraa, ilmaan, ykn firoottan isaanii miseensa humnoota Tigraay ta’uu shakkuun kaampii keessatti ukkaamsanii turan.
Beezaawwit, haadha ijoollee lamaa ganna 37 yoo taatu loltoonni Eertiraa Sadaasa 2 bara 2022 Aanaa Kokob Tsibaah erga seenaniin booda bosona dhiyoo jirutti dirqisiifamtee loltoota Eertiraa sadiitiin gudeedamuun, ji’oottan gara sadiif mana ishee keessatti ukkaamfamtee turte.
“‘Iyyitus iyyuu baattees namni dhufee si baraaru hin jiru’ naan jedhan. Ergasii naannoo ji’a sadii na gudeedan. Isaanis akkuma balbala eegduutti dabareedhaan natti dhufaa turan,” jechuun Amnastii Intarnaashinaalitti himte.
Miidhaa saal-qunnamtii booda sa’aatii 72 keessatti wal’aansa ittisaa dhukkuboota saal-qunnamtiin daddarbanii fi ulfaaf kennamu qaban hin arganne kan jedhe Amnastii Intarnaashinaal, irra caalaan isaanii yaala fayyaa kan argatan erga loltootni Eertiraa Amajjii 19 bara 2023 Kokob Tsibaah gadhiisanii booda ta’u ibse.
Ragaalee kanaan dura dhaabbatichi argachaa ture waliin yoo ilaalamu, dhimmoonni gudeeddii fi garbummaa saal-qunnamtii Kokob Tsibaah keessatti raawwataman akka qaama haleellaa itti yaadamee ummata nagaa irratti kallattiin raawwatameetti ilaalamuu kan danda’u fi yakka namummaa irratti raawwatame jedhame fudhatamu kan danda’u ta’uu ibsameera.
Ajjeechaa lammiilee nagaa fi saamicha
Loltoonni Eertiraa aanaa Maariyaam Shewitoo fi Kokob Tsibaah keessa buufatan miseensota humnoota Tigraay fi deeggartoota isaanii barbaacha sakatta’insa manaa manatti taasisaa turaniin namoota nagaa irra caalaan isaanii dhiirota ta’an itti yaadanii ajjeesuu Amnastii Intarnaashinaal beeksiseera. Dhaabbatni falmaa mirga namoomaa idil adduyaa kun ragaalee karaa af-gaaffiin sassaabeen namootni ajjeefaman kunneen lammiilee nagaa ta’uu mirkaneessuu ibseera. Gochoonni kunnneen waldhabdee hidhannoo idil-addunyaa hin taane keessatti kan raawwataman ta’uu isaanii ilaaluun, ajjeechaan akkasii ajjeechaa yakka waraanaa wajjiin kan wal gitu ta’uu ibse.
Lubni Mihirata’aab Sadaasa 02 bara 2022 Aanaa Kokob Tsibaah Waldaa Qulqulluu Mikaa’eel keessatti haadha warraa fi ijoollee isaa, akkasumas jiraattota biroo waliin osoo jiranii, loltoonni Eertiraa loltoota Tigraay barbaacha iddoo isaan itti jiran sana marsanii nama hunda dirqisiisanii lafa ciibsanii reeban. Lubni Mihirata’aab akka jedhanitti lubni ganna 70 tokko yeroo haleellaa bataskaana keessatti raawwatame turetti loltoota Eertiraatin rasaasaan rukutamee ajjeefame.
Namni Yamaana jedhamu kan nama ajjeefame waliin kutaa tokko keessa turee fi taatee kana ijaan arge ajjeechaa kana ilaalchisee yaada Amnastii Intarnaashinaaliif kenneen, “Lubichi loltoota keessaa tokkoon maal akka jedhe hin beeku, garuu bakka duwwaatti jaarsa sana garaa isaa irratti rasaasaan rukute. Sana booda, inni [loltuun Eertiraa lubicha ajjeese] nutti dhufee, ‘namni tokko reeffa sassaabuuf ykn awwaaluuf yoo yaale hundi keessan ni ajjeefamtu’ nuun jedhe,” jechuun himan.
“Sarbamiinsa kunneen irratti qorannoo bu’a qabeessa ta’e gaggeessuun murteessaadha,”
Gabaasa Amnastii Intarnaashinaal
Erga Sadaasa bara 2020 naannoo Tigraay keessatti waraanni ka’ee as yakkoota waraanaa fi namummaa humnoota Eertiraa dabalatee qaamolee waldhabdee kana keessatti hirmaatan hundaan raawwataman galmeessaa turuu kan ibse Amnastii Intarnaashinaal, Eertiraa fi Itoophiyaan dhimma kana irratti qorannoo bu’aa qabeessa akka gaggeessan, akkasumas yakka ragaan qabatamaa irratti argameen akkaataa seera idil addunyaatin seeratti dhiyeessuu akka qaban hubachiiseera.
Amnastiin yaa’ii 54ffaa Mana Maree Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Fulbaana 11 bara 2023 irraa eegalee gaggeeffamu irratti aangoon Komishinii Ogeessota Mirgoota Namoomaa Idil-addunyaa Itoophiyaa (ICHREE) akka haaromfamuuf gaafateera.
Amnastii Intarnaashinaal argannoo qorannoo duraa Hagayya 17, 2023 mootummaa Itoophiyaa fi mootummaa Eertiraatti kan qoodee ta’uus, hanga gabaasni kun ba’uutti argannoo qorannoo dhaabbatichaa ilaalchisee deebii mootummoota biyyoota lamaan irraa kenname kan hin jirre ta’uu ibseera. AS