DHIMMA HAWAASAAXIINXALA ODUU
Trending

Xiinxala Oduu: Qonnaan bultoonni Harargee sababa ‘kufaatii gabaa jimaan’ kadhaaf saaxilamuu himan 

Geetahun Laggasaatin @Birmaduu2

Finfinnee, Caamsaa 30/2024 Aliyyii Kadir qonnaan bulaa godina Harargee Bahaatti waggoota dheeraaf oomisha Jimaatin jireenya isaa gaggeeffataa turedha. Haata’u malee, sababa dambii walxaxaa fi “dhiibbaa mootummaan gabaa jimaarratti uumeen” jireenyasaa gaggeessuu waan rakkateef gara giddugaleessa Oromiyaa godaanuun kadhannaan jiraata. 

“Dhiibbaa mootummaan gabaa Jimaarratti uume hordofuun galii oomisha Jimaarraa argamu kasaaraa keessa na galche,” kan jedhu Aliyyiin, yeroo ammaa kana magaalaa Finfinnee keessatti kadhachuun jiruusaa akka itti fufu hima. Aliyyiin, Finfinnee naannawaa Markaatootti gargaarsa gaafachaa oolee bulmaataaf magaalaa Shaggar gala. 

Aliyyiin tarkaanfii fi dambiiwwan garaa garaa mootummaan gabaa Jimaa irratti hojiirra oolchaa jiru isa qofa osoo hin taane, qonnaan bultoota hedduu oomisha fi gabaa jimaa keessaa dhiibee baasuun rakkoo hawaas-dingadee garagaraaf isaan saaxiluu eera. 

Akka Aliyyiin himutti, imaammata daldala jimaa haaraa mootummaan yeroo muraasa dura hojiirra oolchee ture hordofuun gatiin gurgurtaan jimaa garmalee gadi bu’uu fi qaraxni mootummaaf kafalamuu gatii jimaatii ol ta’uun walqabatee galiin oomisha jimaarraa argamu jiruu fi jireenya qonnaan bultootaa utubuu dadhabeera. Kana irraa kan ka’e qaala’insa jireenyaa biyyattii keessa jiru dandamachuu dadhabuu dabalee hime. 

Jiraataa godina Harargee Bahaa Magaala Awwadaay  kan ta’eefi dhimmicha itti dhiyeenyaan kan hordofu Abdii Katamaa (maqaan isaa kan jijjiirame) Addis Standard’tti akka himetti, sababa rakkoo kanaan qonnaan bultoonni ijoollee isaanii barsiifachuu dadhabanii barattoonni hedduu barnoota ala ta’uu hima. 

Akka Abdiin jedhutti, manneen barnootaa sadi magaalattii keessa argaman keessaa barattoonni kuma kudhanii ol rakkoo hawaas-dinagdee dambii fi qaraxa haaraa mootummaan daldala jimaa irratti kaa’ee hordofuun uumameen walqabatee barnootaan ala ta’uu himeera. 

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Ka’umsi rakkoo qaala’insa jireenyaa kuni qaraxa daldala jimaarra kaa’ame ta’uu kan himu Abdiin, “Jimaa kiiloo tokkorraa qaraxni birrii 35 gaafatama” jedhe. “Kafaltiin kuni al tokko qofa osoo hin taane iddoo sakatta’insa hundaatti kaffalama waan ta’eef jimaa kiiloo tokko gabaa baasanii gurgurachuun kasaaraadha,” jedhe.

“Fakkeenyaaf jimaa ati qama’uuf harkatti qabattee Awwadaayii gara Harargee yeroo imaltu hundaa qaraxa akka kaffaltu si dirqisiisu. Kanaafuu, akka yeroo dambiin kun bahuun dura jimaa gara biyya alaa erguun kan hin yaadamne. Iddoo hundatti magaalaa gara magaalaatti qaraxni waan kaffalamuuf jimaa gara magaala Wucaalee ergachuun hin malu” jedheera.

Jiraataan godina Harargee Bahaa kan biraanis yaada Abdii cimsuun, “konkolaataa jimaa fe’u abbaan barbaade karaarratti dhaabuun qaraxa kafalaa jedhuun maallaqa fudhachaa jira,” jedhe. Namoota gochaa akkasii raawwatan keessaas qondaalonni mootummaa fi bulchitoonni magaalotaa akka argaman hima.

Rakkoon kun akka furamuufis qonnaan bultoota fi daldaltoota jimaa godinichaa waajjira Ministira Muummee, Ministeera Daldalaa fi Ministeera Galiiwwaniif xalayaa iyyannoo isaanii barreeffamaan galchanis deebiin isaaniif laatame kan hin jirre ta’uu himata. “Deebii argachuun hafee inumaa namoota dhimma kana adda durummaan gaafachaa jiran hidhamaniiru.” 

Dargaggoonni fi hawaasni Harargee Bahaa murtee mootummaan dabarse kana mormuu kan itti fufu ta’uu jiraataan kun dabalee himeera. Qonnaan bultoonni “gaaffii mirgaa” gaafachuun cinaatti uggurri gabaa jimaa gaggeeffamaa jiraachuus himeera.

“Kaayyoon dambii haaraa fi qaraxa kanaa daldala jimaa dhabamsisuudha. Sababa jimaan ijoollee barnoota dhorke jedhuun jimaa dhabamsiisuuf mootummaan karoora baasee hojjachaa jira,” jedhe.

Oomishni jimaa biyyattiidhaaf galii olaanaa argamsiisaa kan jiru waan ta’eef kunuunfamuu qaba kan jedhu namni kun, “Jimaarratti dhiibbaa uumuun uummata Haragee qofa kan miidhu osoo hin taane diinagdee guutuu biyyattiirratti dhiibbaa kan fidudha” jedhe. 

Qaraxa dachaa

Sadaasa 2023 Ministeerri Daldalaa adeemsa to’annoo fooyyessuufi galii al-ergii guddisuuf jecha dhaabbilee daldalaa al-ergii jimaa irratti hirmaatanif ulaagaalee haaraa yookaan adeemsa hayyama haaraa hojiirra oolchuu beeksiseera.

Ulaagaaleen kunniin mootummaa waliin waliigaltee dirqamaa gochuu kan dabalatan yoo ta’u, kunis konkolaattota geejjibaa hordoftu GPS qaban fayyadamuun geejjibaa jimaa to’annoof kan dirqisiisudha. Kana malees, al-ergitoonni haaraan galmaa’uuf waggaatti yoo xiqqaate jimaa meetiriik toonii 100 erguuf waadaa galuu qabu jedha.

Mootummaan gabaa jimaa irratti dambii yeroo adda addaa hojiirra oolchuu gabaan daldaltoota muraasaan qofa to’atamee qonnaan bultoota fi al-ergitoota jimaa Oromiyaa rakkoowwan walxaxaa keessa galchuu Addis Standard bal’inaan gabaasuun isaa ni yaadatama. 

Qonnaan bultoonni yeroos Addis Standard dubbise haala rakkoo hawaas-dinagdee keessa galan kanaan ijoollee isaaniif meeshaalee barnoota bu’uuraa bitachuuf rakkachuu fi akka fakkeenyaatti magaalaa Awwadaay keessatti qofa dargaggoonni kuma kudhaniin lakkaa’aman hojii dhabaa ta’uu himaniiru.

Gabaa Jimaa godina Harargee Bahaa aanaa Kombolchaa (Suuraa: Addis Standard)

Haalli ture hammaachuun yeroo ammaa kana qonnaan bultoonni jireenya isaanii oofuu dadhabanii maatii isaanii waliin kadhaa fi godaansaaf saaxilamaniiru. 

Dhimma kana ilaalchisee ogeessa seeraa dhalataa godina Harargee Bahaa kan ta’e Adam Abdallaa yaada Addis Standarditti laateen, sababa dambii haaraa mootummaan hojiirra oolcheen “uummanni Harargee gadadoo jabduu keessatti argama” jedhe. 

Dambii haaraa mootummaan gama kanaan hojiirra oolche daldala seeraan alaa ykn kontiroobaandii to’achuuf yaadamee haa karoorfamu malee kaayyoo barbachiseef galmaan gahuu akka hin danda’in Adam dubbateera.

Kana malees, gosoota jimaa gabaarra jiru osoo hin beekin hundarratti qaraxa qixa kaa’uun dogoggora ta’uu hima. Gatiin jimaa kanneenii gargaarummaa guddaa waan qabuuf qaraxni kaa’amu qabus garaagara ta’uu qaba jedheera.

Jimaa kiiloo tokkkorratti qaraxa birrii 17 haa kaa’amu malee bakka adda addaatti qaamni adda addaa qaraxa waan gaafatuuf qonnaan bulaan tokko jimaa manaa baasee hanga gabaan gahutti birrii 30 ol kaffala. “Kunimmoo kasaaraadha” jedha Aadam. 

Gabaa biyya keessa irratti mootummaan federaalaa qofaasaatti keellaa ijaaree kan qaraxatu yoo ta’u, mootummaan naannoos magaalaa magaalatti keellaa ijaaruun qaraxa fudhachaa jiraachuu himeera.

Akkasumas, “mootummaan hangi jimaa guyyaa tokko keeessatti gara biyya alaatti ergamu kiloogirmaa 17,000 qofa akka ta’uu daangeessuun omishichi lafatti akka badu taasieera. Sababnisaa godinoota Harargee keessatti qofa guyyaatti kiiloo kuma dhibbaa ol yeroo gabaaf dhiyaatutti kiiloon 17,000 qofa akka ergamu labsii dabarsuun rakkoo kana hammeesseera,” jedhe.

Jiraattonni gargaarsa barbaacha gara magaalaa garagaraatti godaananii kan argaman ta’uu kan eeru Adam, “namni sagalee ta’eefii gargaarsa gahaa walitti sassaabuuf hin jiru. Mootummaafi dhaabbileen gargaarsa namoomaa garaarsa gochuu hin dandeenye” jechuun rakkoo diinagdee kana furuuf dhalattoota Harargee fi ilmaan Oromoo gurmeessuun namoota kana gargaaruuf karoorfachuu eereera.

Bulchiinsi godina Harargee Bahaa rakkoo kanaaf deebiin inni laate akka hin jirre dubbatu. 

“Qonnaan bulaan jimaa habbaa takka gurgurachuuf gara magaalaa yeroo baasutti karaarratti qabanii irraa qaraxu. Magaala biraa yeroo gahuttis qaraxa gaafatu. Meeshaa tokkoof qaraxa lama kaffaluun hojimaata seeraan alaati.” 

Itti dabaluun, “gabaa al-ergii sirreessuun sirrii ta’us jireenya qonnaan bulaa haala hin miineen qoratamee raawwatamuu qaba malee qonnaan bulaa oomisha jimaatiin jiruufi jireenyasaa gaggeeffatu al tokkoon harka qullaatti hambisuun sirrii miti,” jedhe Adam.

Jimaan omishaalee galii maallaqa biyya alaa argamsiisan shan keessaa isa tokko ta’ee tureera. Haa ta’u malee, galiin al-ergii omisha jimaarraa argamu haalaan gadi bu’aa dhufeera. 

Akka gabaasa Addis Standard bara darbe baheen, waggaa kudhan keessatti galii dolaara miliyoona 400 ture irraa gara dolaara miliyoona 248 gadi bu’eera. Adam, rakkoo kana fooyyeessuufis mootummaan dambii baasu haala qonnaan bultoota fi daldaltoota biyya keessaa hin miineen hojiirra oolchuu akka qabu dhaameera. AS

Related Articles

Back to top button