DHIMMA HAWAASAAXIINXALA
Trending

Xiinxala: Miidhaa saalaa buqqaatota Lixa Oromiyaarra gahaa jiru fi gidiraa sagalee dhabe 

Abdii Biyyansaatin @ABiyenssa

Finfinnee, Bitootessa 06/2024 – Jiraattonni godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee Fulbaana bara 2023 keessa haleellaa hidhattootani Faannoo naannawaa sanitti irra deddeebiin raawwatan dheessuun qe’ee isaanirraa yeroo buqqa’an, jireenyi Hannaas (maqaan kan jijjiirame) jijjiirame. 

Haleellaa hidhattootni raawwatan hordofee, Haannaan maasii boqqolloo keessa dhokachuuf yaaltuus beela itti cime tasgabbeessuuf wayita baatu harka hidhattoota jala kufte. Sana booda baatilee lamaaf miidhaa saalaa hamaaf saaxilamtee turte. 

Haannaan yeroo butamtee miidhaa saal-qunnamtii suukaneessaa irratti raawwatamu umriin ishee waggaa 18 qofa ture. Baatii lama booda gadhiifamtuus, miidhaa xiinsammuu fi qaamaa irra gahe irraa dandamachuu hin dandeenye ture. 

Haannaan erga gadhiifamte booda Hospitaala Shaambuutti yaala qaamaa fi sammuu argachuuf kan dhaqxe ta’uus haalli ishee garuu jijjiiramuu hin dandeenye. 

Muudannoon gaddisiisaa kun fayyaa sammuu ishee irratti dhiibbaa waaraa kan dhiise yoo taʼu, dhukkubni nama kuffisu (epilepsy) akka ishee muudatuus taasiseera. Haannaan gubbaarraan fayyaa fakkaattuus, keessi ishee nagaa akka hin taane himti. “Halkan hirriba hin qabu, muudannoon koo gaddisiisaa natti mul’ata.” 

Maatiin ishee maallaqa gahaa waan hin qabneef yaala fooyya’aa argachuuf gara Finfinnee deemu akka hin dandeenye himti. Kanarraa kan ka’e, Haannaan dhukkuba nama kuffisu waliin wal’aansoo qabaa jiraatti. 

Abukaatoo fi barsiisaa yuunivarsiitii Walqixxee kan ta’e Margaa Fiqaduu, naannolee rakkoo nageenyaa fi walitti bu’iinsaan raafaman keessatti miidhaa saala irratti hundaa’u akka babal’atu himeera. Waldhabdeen Oromiyaa keessatti adeemsifamaa jirus adeemsa miidhaa saalaa babal’ataa jiru kanaaf fakkeenya ta’u akka danda’u eere. ​

Naannoon Oromiyaa waldhabdee kallattii hedduu qabu kan murnoota adda addaa hirmaachise keessa akka jirtu kan eere Margaan, “kanneen keessaa humnoonni nageenyaa mootummaa naannoo fi federaalaa, jaarmiyaalee finciltootaa kan akka Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) fi Faannoo argamu” jedha. 

“Gudeeddiin yeroo waldhabdee keessa raawwatamu akka yakka waraanaatti ilaalama. Yakkamtoonni gocha kana raawwataniis seeraa idil-addunyaan gaafatamu,” jechuun cimsee dubbate.

Ogeettii xiin-sammuu fi dhaabbata gargaarsa namoomaa idil-addunyaatti hojjettuu hawaasummaa kan taate Tsiyoon Getaachoo, dubartoonni naannoo waldhabdeetti jiraatan gudeeddii fi miidhaa saalaa biroo irratti raawwataman irraa kan ka’e rakkoo xiin-sammuu yeroo mara turuuf akka saaxilaman himti. 

“Dhiphinni miidhaa booda dhufu, yaaddoon, gadda, fi miira salphinaa fi humna dhabuu mallattoolee namoota miidhaa guddaa irraa hafan yeroo baay’ee mudatan keessaa muraasa,” jette.

Shamarranii fi dubartoonni miidhaa saalaa kan isaan mudatu naannoo waldhabdee qofa akk hin taane, ogeeyyiin himu

​Tsiyoon, miidhaa saalaa kaampii buqqaatota (IDP) keessatti mudatu rakkoo buqqaatotaa duraanuu ture kan hammeessu ta’uu himti. “Gudeeddii fi miidhaa saalaa gosoota biroo dhiibbaa xiinsammuu gadi fagoo fi walxaxaa qaba, keessumaa dubartoota kaampii buqqaatota keessa jiraatan irratti miidhaan geessisu hamaadha,” jechuun ibsite.

Seenaa buqqaatota biyya keessaa

Kaampiiwwan Buqqaatota Biyya Keessaa (IDP) naannoo Oromiyaa keessatti argamanitti dubartoonni miidhaa saalaaf akka saaxilaman ragaalee fi eeruuwwan garaa garaa ni mul’isu. 

Seenaan Rahiimaa Alii (maqaan yaaddoo nageenyaaf kan jijjiirame), dubartii ganna 32 fi haadha daa’ima ganna sagal, akka ragaa mirkaneessaatti fudhatamuu danda’a.

Rahiimaan Fulbaana bara 2022 godina Horroo Guduruu Wallagugaa Aanaa Amuru ganda Harar Jaarsoo irraa haleellaa hidhattoota Faannoo miliquuf abbaa manaa ishee waliin dheessaa osoo jiranii abbaan manaa ishee ajjeefamuu hordofee jireenyi ishee gara hin eegameen jijjiirame. 

Imala isaanitti gareen hidhattootaa kunneen abbaa warraa ishee ajjeesanii reeffa isaa bakkeetti dhiisuu yaadatti. “Aniifi mucaankoo sirna awwaalcha isaa irratti akka hin argamne dhorkamne. Dhuma irrattis, aangaʼoonni mootummaa naannoo sanii gidduu seenanii adeemsa awwaalchaa raawwatan,” jette.

Kana hordofuun mucaa ishee waliin wiirtuu buqqaatota biyya keessaa aanaa Jaardagaa Jaarteetti argamutti qubatte. 

Haata’u malee, rakkinni ishee mudate bakka biraatti jijjiiramuu kanaan hin xumuramne. 

Rahiimaan Fulbaana 2023 keessa garee dhiirotaan gudeedamte. “Yeroo gareen gudeedame sanatti ulfa ji’a sadii fi guyyaa shantamaa ture,” jechuun yaadatti.

Rahiimaan ulfa taatus, kaampiin buqqaatota ammallee keessa jiraattu nyaata, meeshaalee qulqullinaa fi kunuunsa fayyaa gahaa hin qabu.

Walitti bu’iinsa naannoo Oromiyaa keessatti itti fufee jiruun walqabatee qabeenya dhuunfaa fi mootummaa, manneen jireenyaa, dhaabbilee barnootaa, dhaabbilee yaalaa, fi bu’uuraalee mootummaa barbaachisoo ta’an barbadaa’urraan kan ka’e namoonni miiliyoonaan lakkaawwaman qe’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’u. 

Dhaabbatni namoomaa qorannoo tibbana taasise fi Addis Standard ilaale akka ibsutti, yeroo ammaa kana naannoo Oromiyaa keessatti kaampii buqqaatota 141 kan godinaalee 11 fi aanaalee 96 keessa argamanitti buqqaatota miliyoona 1.4 ta’an akka jiran tilmaamameera.

Buqqaatota waliigalaa keessaa, kanneen 753,674 ta’an godinaalee afran Wallaggaa keessatti argamu.

Addis Standard rakkoolee gargaarsa namoomaa hamaa kaampiiwwan buqqaatota Lixa Oromiyaa keessatti argaman keessatti mul’atu hojii gargaarsaa gufachiisaa jiraachuu gabaasaa tureera.

Mootummaan buqqaatota dirqamaan gara qe’ee irraa buqqa’anitti deebisuuf yaalii taasisu ammoo rakkoo ture irraa dabalataa ta’uun buqqaatonni kaampii keessaa bahanii kadhaaf gara daandiitti akka bahan taasiseera. 

Buqqaatota aanaa Giddaa Ayyaanaa haleellaa hidhattoonni ‘Faannoo’ jedhaman irra deddeebiin geessisan dheessuun kaampii keessa qubatan. (Suuraa: Kominikeeshinii Aanaa Giddaa Ayyaanaa)

Rakkoon namoomaa kaampiiwwan buqqaatota keessatti mul’atu, taateewwan gudeeddii fi miidhaa saalaa birootin hammaataa dhufeera.

Rahiimaa irraa dabalataan Addis Standard miidhamtoota biroo wiirtuuwwan buqqaatota adda addaa keessa jiraatan dubbiseera. Isaan keessaa shamarree Asteer Tamasgeen (maqaa kan jijjiirame), bara darbe sababa waldhabdee kanaan qe’ee isheerraa buqqa’uuf dirqamteetti.

Duraan godina Wallagga Bahaa aanaa Kiiramuu ganda Arroo keessa jiraachaa kan turte  Asteer, sababa rakkoo nageenyaatin qe’ee isheerraa yeroo buqqaatu kutaa 11 baratti turte. 

Akkuma Kiiramuu, aanaaleen biroo naannoo Amaaraatti wal daangeessan kanneen akka Abee Dongoroo, Agamsaa, Jaardagaa Jaartee, fi Amuruu giddugala buqqa’insaa ta’aniiru.

Walitti bu’iinsa hamaa hordofee, Asteer buqqaatota qe’ee isheerraa buqqa’an waliin magaalaa Shaambuu keessatti mana barumsaa gara kaampii buqqaatotaatti jijjiirame keessa qubatte. 

Haata’u malee, baatii sadi booda kaampii keessa dirqamaan gudeedamte. Baatileef dhukkubbii qaamaa fi xiinsammuu faana wal’aansoo erga walqabdee booda ulfa garaatti baatte baasuuf murteessite.

Kaampii Buqqaatota Shaambuutti miseensa koree buqqaatotaa kan ta’e Waaqumaa Hirphaa, “Asteer gudeeddii irra mudate hordofee dhiphina keessa galte, miidhaa miiraa fi qaamaa waliin wal’aansoo qabaa turte,” jedhe. 

“Kunis nageenya namoota dhuunfaa haala akkasiitiin miidhaman mirkaneessuuf sirni eegumsaa fi deeggarsa hundeessuun barbaachisaa ta’uu isaa kan hubachiisudha.” 

Waaqumaan akka jedhutti, kaampii buqqaatota Shaambuu keessatti dhiiraa fi dubartoonni waan bakka tokkotti waliin jiraataniif dubartoonni hedduun miidhaa saalaaf saaxilamu.

Akka Tsiyoon jettutti ammoo, namoota miidhaa saalaa irra gahe gargaaruuf mala tumsa waloo barbaada. “Duraan durse, miidhamtoonni wal’aansa fayyaa atattamaa barbaadu. Kunis yaala dhukkuboota saal-qunnamtiin daddarban dabalata,” jetti ogeeyyiin xiin-sammuu kun.

Akkasumas gorsa fi yaala fayyaa xiin-sammuu akka barbaadanis eerti. Dabalataan, dhimma kana irratti hubannoo hawaasaa gabbisu irrattis xiyyeeffatamuu qaba jette.

Akka Margaan jedhutti, seera biyyattii fi waliigalteewwan mirga namoomaa idil-addunyaa gudeeddii fi gosoota miidhaa saalaa biroo ifatti dhorku. Haa ta’u malee, itti gaafatamummaa mootummaan dubartootaa fi shamarran gudeeddii dabalatee miidhaa saalaa irraa ittisuu fi eeguuf qabu cimsee hubachiise. 

“Itoophiyaan waliigalteewwan kanneen raggaasisuu qofa osoo hin taane haala bu’aa qabeessa ta’een seerota kanneen kabachiisuun dubartootaa fi shamarran miidhaa akkanaa irraa eeguuf kutannoo qabdu agarsiisuu qabdi,” jedhe. 

Kana malees, hordoffii kaampii baqattootaa irratti godhamu cimsuu, dubartoota miidhaan irra gahe ammoo adeemsa seeraa akka argatan haala mijeessuu fi namoota yakka raawwatan seeraan akka gaafataman gochuu akka barbaachisu hime. 

Lachuu, Margaa fi Tsiyoon, mootummaan alatti dhaabbilee miti mootummaa fi dhaabbilee gargaarsaa dhimma miidhaa dubartoota fi daa’imman irratti kaampii buqqaatota keessa gahu irratti xiyyeeffannoo guddaa laachuu akka qaban cimsanii hubachiisaniiru. AS

Related Articles

Back to top button