SIYAASAXIINXALA
Trending

Xiinxala: Murteen mootummaa dabarse Kibba Oromiyaatti abbummaa magaalaan walqabatee mormii ji’oota jahaaf ture kakaase

Finfinnee, Fulbaana 02/2023 – Kibba Oromiyaatti kan argamuu Godinni Gujii ji’oota jahaan darbaniif  mormii fi jeequmsaa keessummeessaa jirti. Kunis waldhabdee Waraana Bilisummaa Oromoo fi humnoota mootummaa gidduutti adeemsifamaa jiru irraa kan ka’e haalii nageenya naannoo sanaa daraanuu baay’ee boora’e irrarri rakkoo dabalataa ta’eera. 

Mormii ji’ootaaf gaggeeffamaa tureen namoonni nagaa ajjeefamanii, qondaaltota mootummaa dabalatee namootni baay’een mana hidhaatti darbatamuun haala mirga namoomaa naannoo sanatti daraanuu hamaa turetti dabalata ta’e jira. Cufamuun daandii, ugguraa sochii geejjibaa, gabaa fi daldalaa diinagdee biyya keessaa haalaan miidhuu isaa irraa kan ka’ee jiraattota rakkoo hamaaf saaxile jira.

Maaliif mormiin adeemsifama jira?

Mormiin kun kan ka’e mootummaan naannoo Oromiyaa Guraandhala 27, 2023 godina 21ffaa jechuun godina Booranaa Bahaa ijaaruu beeksisuu isaa hordofeeti. Godinni haaraa uumame kun aanaalee 10 godinaalee Baalee, Gujii fi Booranaa irraa kutuun of keessa kan qabatedha. 

Akka mootummaan naannoo Oromiyaa jedhutti sababni gurmaa’insa godina kanaa koridoorii misoomaa uumuun carraa misoomaa guddisuu, yaaddoo nageenyaa naannoo sana jiru furuu, malaammaltummaa fi bulchiinsa hamaa Kibba Oromiyaa keessa jiru to’achuuf jedha. Itti gaafatamaa paartii Badhaadhinaa damee Oromiyaa Fiqaaduu Tasammaa, murtee mootummaa naannichaa kana ilaalchisuun Adoolessa 2023 caffee naannichaaf, “kaayyoon keenya daangaa Oromiyaa cimsinee obbolummaa uummata jidduu jiru guddisaadha” jedhan.

Haata’u malee, jiraattonni godina Gujii fi qondaaltonni godinichaa adeemsa gurmaa’insa haaraa keessatti uummata mariisisuu dhabuu fi murteen kenname gubbaa gadi ta’uun isaa madda rakkooti jechuun gurmaa’insa haaraa kana mormaniiru.  

Gurmaa’insa haaraa kana irratti jiraattota godina Baalee irraa mormiin dhaga’amuus, mormiin cimaan jiraatoota godina Gujii irraa kan dhufedha. Sababni isaas magaalaan guddittii bulchiinsa godina Gujii jala turte “Nageelleen” gara godina haaraa ijaarame jalatti waan galfamtee fi bulchiinsi godina Gujii teessoo isaa gara Adoolaa Reeddee akka jijjiiramu godhamu isaatini.

Mormiin godina Gujii kana daran kan jabatee waldhabdee yeroo dheeraa hawaasa Booranaa fi Gujii gidduutti dhimmaa abbummaa magaalaa “Nageellee” kan “Nageellee Booranaa” jedhamuunis waamamtu irratti uumameeni.

Qondaalli godina Gujii maqaan isaa akka hin dhahamne gaafatan tokko Addis Standarditti akka jedhanitti, magaalattiin bara 1917 kan ijaaramte golee kibba bahaa ishee keessatti buufata waraanaa hundeeffamee booda fi naannoo sanatti gabaan eegalamuu isaatiini jedha. Itti dabaluunis, bara 1941 sadarkaan magaalaa kennameefii hanga bara 1987tti Gujiis of keessatti hammachuun bulchiinsa Sidaamoo jalatti teessoo Awurajaa Booranaa ta’uun ibseera.

Bara ce’umsaa 1992tti mootummaan Naannoo Oromiyaa ijaaramuu hordofee Gujii fi Boorana lamaan isaanii godina tokko jalatti kan walitti qabaman yoo ta’u, hanga Gujiin bara 2002 godina of danda’e ta’utti magaalaan guddoo isaanii ammoo “Nageellee Booranaa” ture. Gujiin godina ta’uu booda ammoo teessoo bulchiinsaa godina Booranaa gara Yaabellootti kan ce’e yoo ta’u, “Nageelleen” ammoo handhuura godina Gujii haaraa hundeeffame ta’uun itti fufte.

Dhalataa Booranaa fi ogeessa seeraa kan ta’e Waaqtolaa Caaccuu turtii Addis Standard waliin godheen murteen kun Gujii fi Boorana gidduutti waldhabdee waggoota dheeraa akka uume yaadachiisuun bara 2014tti waldhabdeen hidhannoo uumameen lubbuu namoota 1000 ol gama lachuu irraa galaafateera jedha.

Yunivarsiitii Zuuriik keessatti Piroofeesaraa fi qorataa walitti bu’iinsa sabaa fi sablammoota kan ta’an Assabee Raggaasaa akka jedhanitti, dhiheenya kana mootummaan naannoo Oromiyaa “Nageellee” godina Boorana Bahaa jalatti akka hammatamu murteessuun isaa hawaasa gama lamaamuu biratti ilaalcha adda addaa qabaatuu hima. “Warra Gujii lafa akaakilee isaaniitTi ilaaluu, Gama Booranaatti Ammoo lafa isaanii seeraan ala Gujiif keNname ture akka deebi’eetti ilaalu,” jedhan.

Waldhabdee seenaa magaalattii irratti uumameen alatti, gurmaa’insi godina haaraa Boorana Bahaa akkamitti akka raawwatame irratti hanqinni hojimaataa akka ture ogeessi seeraa dhalootaan Gujii kan ta’an Obbo Xisoo Goobanaan himu. “Qaamni godinaalee irra deebiin gurmeessuuf aangoo qabu qaama raawwachiiftuu mootummaa otoo hin ta’iin mana maree naannoo Oromiyaa Caffee Oromiyaati,” jedhan.

Itti dabaluunis, mootummaan gama tokkoon ummata osoo hin mariisisiin magaalattiin magaalaa guddoo godina Gujii ta’uun waggoota 20f turte godina haaraa kana jalatti hammachuudhaaf murteesse kun jiraattota magaalaa Gujii mormiiif akka kakaase himaniiru. “Imaammanni mootummaa gubbaa gadi, marii ummataa faana osoo hin gaggeessiin diriirsuun isaa rakkoo waldhabdee amma jiruuf sababa ta’eera” jechuun Obbo Xisoon ibsaniiru.

Hiriira mormii ji’oota jahaaf Gujii keessatti gaggeeffamaa ture kan qindeessu biyya Ameerikaa keessa kan jiraatu Badhaasaa Haayiluu Addis Standarditti akka himrtti, yeroo kana keessaa harka caalu magaalota Booree fi Nageellee gidduutti daandii geejjibaa kiiloo meetira 300tti dhihaatu cufamuu fi sochii konkolaataa addaan citee paatrooliin waraanaa waliin ta’uun kan sosocha’an jiru jedhe. Akka Badhaasaan jedhutti “haalli kun sochii diinagdee naannoo sanaa haalaan laamsheessuun mootummaa irratti dhiibbaa malu taasiseera,” jedha.

Aanaalee godina Gujii irraa fudhatamanii godina Boorana Bahaa jala galfaman keessaa tokko kan taate Gooroo Doolaatti, bulchaa fi itti aanaa isaa dabalatee kaabinoonni aanaa irra caalaan isaanii mana hidhaatti galfamuu isaanii Badhaasaan himeera. Itti dabaluunis, manneen hojii mootummaa fi caasaan mootummaa godinichaa guutuun akka hojiin alaa ta’an dubbateera.

Waamicha marii 

Rakkoon kun jiraatus mootummaan furmaata fiduuf hojjachaa hin jiru, akkasumas wan irra deebiin ilaaluuf barbaadu miti. Abbootiin Gadaa fi maanguddoonni hawaasa Gujii irraa walitti dhufan dhimma kana irratti mootummaa naannoo Oromiyaa waliin mari’achuuf carraaqqiin godhan bu’aa barbaachisu hin argamsiifne.

Yuunivarsiitii Finfinneetti Piroofeesara Saayinsii Siyaasaa fi Hariiroo Idil-addunyaa kan ta’an akkasumas hogganaa Kongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO) Piroofesar Mararaa Guddinaa, murtee mootummaan naannoo Oromiyaa godina haaraa irra deebiin gurmeessuuf murteesse kaayyoo siyaasaaf malee dhimma bulchiinsa akka hin taane Addis Standarditti himan.

“Waraanni Bilisummaa Oromoo Kibba Oromiyaa keessatti bal’inaan kan socho’u naannoo Booranaa fi Gujiitti waan ta’eef kan irratti hundaa’ee paartiin biyya bulchu waldhabdee obboloota Gujii fi Booranaa gidduutti godhuun sochii isaa laaffisuu barbaada,” jechuun ibsan.

Haaluma wal fakkaatuun Piroofeesar Assabeen, “tarsiimoo mootummaan naannoo Oromiyaa Waraanni Bilisummaa Oromoo laaffisuuf qopheesse ta’uu danda’a” jedhan.

Assabeen mormii cimaa hawaasa Gujii irraa ka’aa jiruun, “malli mootummaan naannichaa Abbootii Gadaa fi qondaaltota naannoo sanaa dorsiisuun, darbe darbee immoo humna fayyadamuun, karaa biraa immoo aangoo kennuun gaaffii hawaasaa fashaleessuuf taasisan hin milkoofneef” jechuun yaada isaanii ibsaniiru.

“Waldhabdee kana keessaa karaan ittiin bahan marii dhugaa fi iftoomina qabu, akkasumas marii bilisaa fi hirmaannaa hawaasaa Booranaa fi Gujii hirmaachisee qofa” jechuun himan.

Xisoo fi Waaqtolaan, waldhabdee amma jiru furuu fi waldhabdee obbolaa lamaan gidduu jiru hir’isuuf mariin hunda hammate barbaachisaa ta’uu cimsanii dubbataniiru. Abbootiin seeraa kunneen dhimmichi siyaasa irraa bilisa akka ta’u waamicha dhiyeessaniiru. 

Piroofeesar Maraaraan gama isaaniitiin, walxaxiinsa dhimmichaa ibsuun paartiin isaanii waldhabdee kanaa karaa michoomaan akka furamuuf gumaacha taasisaa jiraachu himan. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button