Xiinxala Oduu: Qonnaan bultoonni godina Booranaa sababa hongeen loowwan isaanii dhaban ammallee hojii qonnaa gaggeessuuf rakkachuu himan
Geetahun Laggasaatiin @Birmaduu2
Finfinnee, Sadaasa 29/2023 – Qonnaan bultoonniifi horsiisee bultoonni godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessa jiraatan hongee waggaa sadi oliif itti fufee tureen daran hubamanii turaniiru. Keessattuu horsiise bultoonni godinaalee Booranaa, Gujii, Harargee fi Baalee hongee kanaan loon lakkoofsaan hedduu dhabaniiru.
Dhabamuu loowwan kanneenii hordofuun qonnaan bultoonni kunneen rakkoolee hawaas-dinagdee hedduuf saaxilamaniiru. Qonnaan bultoonni tokko tokko sangaa qonnaaf oolu dhabuu irraa kan ka’e miseensota maatii isaanii camaduun qonna eegaluun isaanii ni yaadatama.
Kana malees, beeyladoonni akka sa’aa, gaalaafi re’ee madda aannaniifi foonii ta’uun tajaajilan waan dhabaniif hawaasni kunneen sababa hongee dheeraa waqtiilee shanii oliif walitti aansuun mudateen loon isaanii guutumatti dhabuun ni yaadatama.
Godinaalee hongee kanaan daran miidhaman keessaa tokko kan ta’e qonnaan bultoonni godina Boorana Addis Standarditti akka himanitti, sangaa qonnaafi xaa’oo dhabuu irraa kaasee hanga sanyii facaasaa dhabuutti rakkoo keessa jiraachuu dubbatu.
Rakkoolee kanaafi kanneen birootiin walqabatee omishni “garmalee gadi bu’aa” ta’uu himaniiru.
Qonnaan bulaa godinichaa kan ta’an Obbo Qananiisaa Uraagoo sangaa, sanyii, xaa’oofi meeshaalee qonnaaf barbaachisan biroo gahaa argachuu waan hin danda’iniif waqtii darbe omisha gahaa argachuu kan hin dandeenye ta’uu himu. Kanaafuu, ammas gargaarsa eeggachaa jiraachuu ibsu. Gargaarsi karaa mootummaatiin godhamu addaan cituu eeruun ammas gargaarsa eeggachaa jiraachuu himatu.
“Ammas haala hammaataa keessa jirra. Omisha gahaa omishnee hin qabnu,” Obbo Qananiisaatu jedhe.
Sababa hongeetiin loowwaniifi qabeenya biroo dhabuu hordofuun qaala’iinsa jireenyaa biyyattii keessatti daran dabalaa deemaa jiruun hojii idilee isaanii raawwachuufi jireenya isaanii gaggeessuu irratti dhiibbaa keessa jiraachuu himu.
“Meeshaalee qonnaa akka xaa’oo, sangaa qonnaa, re’eefi hoolaa lakkoofsaan hedduu ta’e waan dhabneerra. Ammammoo deebifnee bitachuuf humna hin qabnu,” jechuun rakkoo itti fufaa keessa jiraachuun Obbo Qananiisaan dabalanii himaniiru..
Rakkoolee walitti aananii dhufan irraa kan a’e jireenya hawaasni Booranaa hongeen dura jiraachaa ture sana deebianii ijaaruun dadhabuu himan. Qaamni gargaarsi hawaasa kana deeebisanii ijaaruu irrratti hojjate kan hin jirre ta’uu himu.
Haaluma wal fakkaatuun, qonnaan bulaan kan biraa godina Boorana Bahaa aanaa Areeroo Obbo Jaatanii jedhaman “Booranni hongeen dura biyya quufaa ta’uu” eeruun haalli amma mul’atu kan nama gaddisiisu ta’uu himaniiru.
Loon foon qalmaatiif oolu re’eefi hoolaan dur jiru amma akka hin argamneefi gatiin isaanii olka’aa ta’uu eeruun qonnaanbulaan bitatee qalachuuf rakkachuu himeera.
“Booranni lafa dhadhaafi aannan akka malee itti argamu ture. Amma garuu aannan dhugaatiif argachuun ulfaataadha,” Obbo Jaataniitu jedhe.
Haaluma wal fakkaatuun, qonnaan bultoonnii rakkoo dhiyeeessii sanyii, xaa’oofi sangaatii lafa qotanii omishuu dadhaban hedduu jiraachuu chuufi hir’ina meeshaalee qonnaaf barbaachisan biroo kan akka xaa’oo bitachuu dadhabuu irraa kan ka’e omishni qonnaa godinichaa gadi bu’uu obbo Jaataniin mirkaeessaniiru.
Gargaarsi mootummaafi dhaabbileen biraa taasisan qonnaanbultoota deebisanii ijaaruuf godahme gadiaanaa ta’uu eeraniiru. Qonnanbulaa hamma ta’eef re’ee bitanii kan kennan jiraachuu eeruun gargaarsi karaa kanaan godhame baay’ee gadi aanaadha jedhu. Gargaarsi midhaan nyaataa daakuu kiiloogiraama 25 godhamu alatti dhiyeessiin sanyii kan godhaminiif ta’uu qonnaanbultoonni ibsaniiru.
Haa ta’u malee, bokkaan gahaan naannichatti roobaa jiraachuu ibsuun meeshaalee qonnaaf barbaachisan dhabuu irraa omisha gahaa omishuun dadhabuu qonnaabultoonni kunneen himaniiru.
Rakkoon qonnaanbultoota haala itti fufiinsa qabuun deebisanii ijaaruu kan hin hojjatamin waan tureef qonnaanbultoonni kunneen rakkina hawaasaa marsaa biraatiif saaxilamuun hin oolu sodaa jedhu kan qaban ta’uu ibsu.
Hogganaan waajjira busaa Gonofaa godina Boorana Bahaa aanaa Areeroo Obbo Liiban Qaallichaa Addis Standard’tti akka himanitti gargaarsi qonnaanbultootaafi horsiiise bultootaaf taasifame rakkina midhaan nyaataa yeroodhaaf furuu irratti kan xiyyeefate malee rakkoo kana haala itti fufiinsa qbauun furuufi qonnaabultoota kanneen diinagdeedhaan deebisanii ijaaruu irratti kan xiyyeeffate hin turre jedhu.
Kanaafuu, qonnaan bultoonni sababa hongeetiin loowwan isaanii guutumatti dhabanii turan hojii qonnaa gaggeessuun itti ulfaachuu hima. Gargaarsi namoomaa qonnaanbultoota kanneeniif taasifamaa ture rakkoo beela yeroo furuuf daakuu nyaataaf oolu hiruu irratti kan xiyyeeffate malee qonnaabultoota deebisanii ijaaruu irratti kan fulleeffate hin turre.
“Qonnaan bultoonni kunneen wanta hojii qonnaatiif galtee ta’an kan akka sangaa, xaa’oo fi midhaan sanyii hin qaban. Xaa’oo bitachuu hin danda’an,” Obbo Qaallichaatu jedhe.
Dhiyeessiin gama qonnaanbultoota deebisanii ijaaruutiin jiru gadi aanaa waan tureef qonnaanbultoonnni kunneen lafa qotachuu, xaa’oofi midhaan sanyii bitachuu irratti rakkoon isaan mudachuu himeera.
Kana malees, dhiyeessiin tirkteeraa baay’ee gadiaanaa ta’uu eeruun qonnaan bultoota kuma dhibbaan lakkaa’aman aanicha keessatti argamaniif tiraakterri qonnaa sadi tajaajila kennaa jiran gahaa miti jedheera.
Dhaabbilee tolaooltummaa maatii loon jalaaa dhume qorachuun maatii tokkoof re’ee tokko kennuu yaalee jiraachuu ibsuun gargaarsi kuni garuu qonnabultoota hunda bira kan hin gahiniifi garaggaarsichi gahaa ta’uu baachuu himaniiru.
Qonnaan bultoonni loon qonnaafi gabbisii baa’y’ee murtaa’aa dha. Rakkoolee kanaafi kan birootiin qonnaanbultoonni aanichaa wabii nyaataa qaban lakkoofsaan baay’ee xiqqoo ta’uu himaniiru. Eegumsiifi gargaarsi bartbaachisaa ta’e yoo godhame malee uummanni naannichaa beela’uun kan oolle ta’uu ibseera.
Ogeessi sab-qunnamtii aanaa Areeroo Obbo Gurraacha Galgaloo Guyyoo akka jedhanitti, qonnaan bultoonni godinichaa qabeenya isaanii sabab hongeetiin dhaban ammas rakkoo keessa jiraachuu hima. Hojiin deebisanii ijaaruu gahaan hin hojjatmne jehdu.
Qonnaan bultoonni aanaa Areeroo akka hongee dura tureetti qotatee omisha gahaa hin argatiin ta’uu himu. “Roobni haa roobu malee qonnaan butloonni godinichaa qormaatuma keessa jira,” Obbo Galgalootu jedhe. “Hojiin deebisanii ijaaruu bal’aatu hafa.”
Obbo Galgaloon gandoota 20 aanicha keessa jiranii “halkaniifi guyyaa osoo qoteeyyuu” lafa gandoota kanneenii qotee xumuruu hin danda’u jedhu. Kanaafuu, qonnaan bultoonni hedduu lafa isaanii qotachuufi facaafachuu hin dandeenye jechuun rakkoo jiru eeran. AS