ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Mariin biyyootni sadan dhimma Hidha Haaromsaa irratti Kaayirootti gaggeessaa jiran waliigalteen akka xumuramu abdatameera

Finfinnee, Hagayya 28/2023 – Marii biyyootni sadan Itoophiyaa, Masrii fi Sudaan dhimma Hidha Haaromsaa irratti taasisaa turan erga addaan cite waggaa lama fi ji’a shan booda kaleessa Hagayya 27, 2023 Kaayirootti eegalamu gabaafameera. Marii biyyoonni sadan Masrii, Kaayirootti gaggeessaniin wixinee waliigaltee fi dhimmoota walqabatan irratti mari’achuun waliigalteerra gahu jedhame eegama.  

Itoophiyaan mariin biyyoota sadan qaama sadaffaa Gamtaa Afrikaa jalatti akka adeemsifamu cichoominaan ibsachaa turtuus, Kominikeeshiniin Mootummaa Itoophiyaa ibsa kaleessa baaseen marii biyyoota sadan kanaan dura giddu seentummaa Emireetota Araba Gamtoomanii (UAE)tin Abu Daabiitti taasifamaa turuu fi wixinee waliigaltee qopheessurra gahee addaan cituu eereera.

Deetaan Ministira Ministeera Dhimma Alaa UAE Sheek Shaahbuut Naahyaan Al Naahyaan tibbana turtii Addis Standard waliin taasisaniin mariiwwan dhimma Hidha Haaromsaan walqabatee taasifaman dhiyeenyatti waliigalteen akka xumuraman abdii qaban ibsuun isaanii ni yaadatama. Waliigaltichi fayyadamummaa biyyoota sadan kan mirkaneessu akka ta’uus abdii qaban ibsaniiru. 

Tajaajila Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa fuula feesbuukii isaarratti akka beeksiseetti, mariin addaan citee ture kan eegalame daawwannaa MM Abiy Ahmad Masriitti taasisaniin waliigaltee Pireezdaantii Masrii Abdul Fattaah Al Siisii waliin irra gahaniin ta’uu ibseera. Haata’u malee marichi haala fayyadamummaa fi mirga misooma Itoophiyaa kabachiiseen gaggeessuuf qophii taasifameera jechuun ala odeeffannoo dabalaa hin kennine. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button