ODUUSIYAASA

Oduu: Ergamni Garee Qorannoo Dhiittaa Mirgoota Namoomaa Idil Addunyaa waggaa tokkoof akka dheeratu gaafatame

Finfinnee, Fulbaana 07/2023 – Dhaabbileen mirga namoomaa addunyaa gurguddoo 63 ibsa waloo baasaniin Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii ergama garee dhiittaa mirga namoomaa Itoophiyaa keessatti raawwatamu qorachuuf hundeeffame (ICHREE) waggaa tokkoof dabalataan akka dheeressu gaafataniiru.

Manni Maree Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii guyyooya muraasa booda walgahii isaa 54ffaa ni gaggeessa. Yaa’ii kun gaggeeffamuun dura Amnastii Intarnaashinaal, Hiyumaan Raayitis Waach, Oxfaam fi Faawundeesinii Nagaa Addunyaa dabalatee dhaabbilee mirga namoomaa 63 waliin ta’uun xalayaa barreessanii dhiittaan mirga namoomaa hamaan Itoophiyaa keessatti mudate garee qorannoo Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin waggaa tokkoof qoratamuu qaba jedhan.

Itoophiyaatti waliigalteen nagaa irra gahamus gudeeddii, gargaarsi namoomaa akka hin geenye dhorkuu, fi duguuggaa sanyii ummata Tigraay irratti gaggeeffamu ammallee sadarkaa yaaddeessaa irra jiraachuun yaaddoo qaban ibsaniiru. Kana malees, naannoo Amaaraa fi Oromiyaatti erga yeroo dhiyoo asii dhiittaan mirga namoomaa humnoonni mootummaa fi gareewwan hidhattootaa raawwachaa jiran baay’ee nu yaaddessa jedhan.

Ergama fi walabummaa Garee Qorannoo Dhiittaa Mirga Namoomaa Idil-addunyaa Itoophiyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin muudame danqaa tokko malee ragaalee walitti qabuun itti gaafatamummaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu Hiyumaan Raayitis Waachitti Daarektarri Afrikaa kan ta’an Letashiyaa Baadar himaniiru.  

Mootummaan Itoophiyaa haqaa ce’umsaa raawwachuuf kutannoo nan qaba jedhus, akkaataa seera addunyaatiin yakkamtoota seeratti dhiyeessuuf dandeettii qaba jedhanii akka hin amanne dhaabbileen mirga namoomaa kunneen xalayaa isaanii keessatti ibsaniiru. “Miidhamtoonni gocha haguuguu mootummaan raawwatu osoo hin taane haqni isaaniif malu argachuu qabu. Sababa kanaaf itti gaafatamummaa garee qorannoo kanaa yeroo dabalataaf haaromsuun barbaachisaadha,” jedhan. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button