ODUUSIYAASA

Oduu: Labsiin yeroo hatattamaa naannoo Amaaraatti labsamee ture baatii afuriif akka dheeratu murtaa’e

Finfinnee, Amajjii 03, 2024 – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa labsii yeroo muddamaa “nageenyaa fi tasgabbii ummaataa kabachiisuuf” manni maree ministiroota naannoo Amaaraa keessatti labsee ture ji’oota afuriif akka dheeratu raggaasise.

Walitti bu’iinsa hidhattoota naannoo Amaaraafi humnoota mootummaa gidduutti uumamee ture hordofuun hokkora naannichatti mudate tasgabbeesssuuf yaadamee labsiin yeroo muddamaa Hagayya 2023 keessa labsamuun ni yaadatama.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Walga’ii addaa 1ffaa bara hojii 3ffaa har’a gaggeesseen labsiin lakkoofsa 1299/2015 “nageenyaa fi tasgabbii ummataa kabachiisuuf” naannoo Amaaraatti labsamee ture akka dheeratu yaada murtoo dhiyaate erga qoratee booda raggaasiseera.

Yaadni murtoo kun sagalee mormii sadi, sagalee hin laatamin lamaafi sagalee caalmaatiin ji’oottan itti aanan afuriif akka dheeratu ragga’eera. Akkasumas, labsii yeroo hatattamaa kana dheeressuun maaliif akka barbaachise Gede’oon Ximotiwoos (PhD) mana marichaatiif ibsa laataniiru.

Akkasumas, yeroon hojii miseensota koree boordii labsii yeroo ariifachiisaa akka dheeratu yaadni dhiyaates erga qoratee booda raggaasifameera.

Manni marichaa walga’ii ariifachiisaa 1ffaa bara hojii 2ffaa marsaa 6ffaa Hagayya 28, 2015 ALI’tti gaggeesseen naannoo Amaaaraatti labsii yeroo muddamaa raggaasisee ture. Akkaataa labsii lakkoofsa 6/2015 ragga’ee kanaatiin wixineen labsii yeroo ariifachiisaa, barbaachisummaan labsichaa mana marichaaf erga ibsamee booda yaadaafi gaaffilee miseensonni mana marichaa kaasaniif Ministirri Ministeera Haqaa Dooktar Geediyoon Ximootiwoos deebiiifi ibsa kennanii ture.

Azmaraawu Andeemoo FI Dooktar Najaat Girmaa wal duraa duubaan walitti qabaa fi itti aanaa walitti qabaa yoo ta’an Obbo Saadiiq Adam, Obbo Masfiin Irkaabee, Dooktar Abrahaam Bartaa, Aadde Fireehiiwoot Tashoomaafi Obbo Wandimmuu Gizaawu miseensota boordichaa ta’uu odeeffannoo manni marichaa irraa arganne ni mul’isa. AS

Download the First Edition of Our Quarterly Journal

Related Articles

Back to top button