DALDALAODUU
Trending

Oduu: Keeniyaan daandii baaburaa Itoophiyaa waliin wal qunnamsiisu dolaara biiliyoona 13 oliin ijaaruufi

Finfinnee, Hagayya 23/2023 – Keeniyaan ijaarsa daandii baaburaa saffisaa elektriikaa Galaana Indiyaa buufata doonii Laamuu irraa ka’uun Itoophiyaa fi Sudaan Kibbaa qunnamsiisu dolaara biliyoona 13.8tiin ijaaramu bara 2025 eegaluuf akka karoorfatte miidiyaan Bloomberg gabaaseera.

Daandiin baaburaa kun kiiloo meetira 3,000 (1,864 maaayilii) kan dheeratu yoo ta’u,  buufata doonii haaraa kana giddugaleessa Keeniyaa magaalaa Osiyoolootiin keeessa darbuun magaala Naayiroobii, Finfinnee fi Jubaatti kan galu ta’uu dhaabbanni ijaarsisaa jiru Abbaan Taayitaa Kooridarii Misooma Laapseet jedhamu ibse.

Saffisni piroojektiin kun bu’aa ittiin argamsiisa jedhamee tilmaamame 12% ol ta’uu dhaabbatichi ibseera. Keeniyaan baasii ijaarsaa fi meeshalee ijaarsa kanaaf oolu miliyoona $9 Deeggarsa Misooma Gamtaa Afrikaa irraa walitti qabaa jirti.

Dhaabbatni kun piroojektii biyyoota dinagdee biliyoona $233 fi ummata miliyoona 200 qaban kan wal qunnamsiisu waan ta’eef kooridarii kanaaaf dursa kan kennuu ta’uu beeksiseera. 

Daandii baaburaa karaa tokko qofa qabu karoora misooma bu’uuraa guddaa Geejjiba Buuufata Doonii Laamuu – Sudaan Kibbaa – Itoophiyaa yookimmoo Laapseet jedhamuun beekamu kuni ujummoo boba’aa, qulqulleessituu, humna elektiriikaa, karaa fi buufata xiyyaaraa baasii dolaara biliyoona 22 ijaaramu keessaa qaama tokkoti.

Daandiin baaburaa karoorfame hirkattummaa Itoophiyaan Galaana Diimaa Eeritraa buufata doonii Asabii fi Masawwaa, akkasumas Jibuutii irraa qabduuf filannoo dabalataa kennuuf kan gargaaru yoo ta’u, Sudaan Kibbaa immoo buufata doonii lammaffaa argatti. Fedhii fe’umsa meeshaa Itoophiyaa fi Sudaan Kibbaa kan toonii miliyoona 29tti tilmaamamuu fi imaltoota 700,000 waggaan akka geejjibsiisuu karoorfamuu dhaabbatichi ibseera.

Ijaarsi buufatichaa magaalota gurguddoo Itoophiyaa fi Keeniyaa qunnamsiisuu waggoota shan keesssatti xumuramuuf karoorfaman. Sana booda Sudaan Kibbaa qunnamsiisuun kan eegalu yoo ta’u bara 2040 xumuramuutu tilmaamama. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button