ODUUSIYAASA

Oduu: Maayik Haamar guyyoota kudhan dhufaniif Itoophiyaa, Jibuutii fi Kuwaataaritti daawwannaa hojii ni gaggeessa

Finfinnee, Muddee 08/2023 – Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa Ameerikaa kan ta’an Maayik Haamar Jibuutii, Itoophiyaa fi Kuwaataaritti daawwannaa hojii guyyaa kudhanii akka gaggeessan Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa karaa marsariitii isaarratti beeksiseera.

Maayik Haamar, Muddee 07 hanga Muddee 17, 2023 daawwannaa biyyoota sadan keessatti taasisuuf jiraniin adda durummaan dhimma Sudaan irratti aanga’oota biyyoota kanneenii fi Gamtaa Afrikaa waliin ni mari’atu jedhame akka eegamu ibsameera.

Maayik Haamar turtii Itoophiyaa keessa taasisaniin waa’ee raawwii waliigaltee Piriitooriyaa irratti qondaaltota biyyattii waliin akka mari’atanis waajjirichi ibseera. Waliigaltee Piriitooriyaa guutummaatti akka hojiirra oolu dhiibbaa akka godhan, akkasumas hojiirra oolmaa haqa ce’umsaa fi itti gaafatamummaa irratti akka mari’atuus ibsameera.

Walitti bu’iinsi naannoo Amaaraa fi Oromiyaa keessatti adeemsifamaa jiru marii karaa nagaatiin akka hiikamuuf waan danda’an hunda akka godhanis eerameera. Qaamni hundi namoota nagaa miidhaa irraa eeguu, haasawa jibbiinsaa irraa of qusachuu fi mirga namoomaa akka kabajamuuf dhiibbaan ni taasisu jedhameera.

Turtii Jibuutii keessa taasisaniinis walgahii addaa 41ffaa IGAD haala yeroo Sudaan irratti mari’atu irratti akka hirmaatanis ibsameera. AS

Related Articles

Back to top button