ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Mariin biyyootni sadan dhimma Hidha Haaromsaa irratti Kaayirootti gaggeessan bu’aa malee xumuramuu Masriin beeksiste

Finfinnee, Hagayya 29/2023 – Marii bakka bu’ootni Itoophiyaa, Sudaan fi Masrii dhimma Hidha Haaromsaa irratti guyyoota lamaan darbaniif Kaayirootti gaggeessaa turan bu’aa malee xumuramuu Ministeerri Jallisii fi Bishaanii Masrii beeksise. Ministeerichi ibsa baaseen mariin taasifame bu’aa malee kan xumurame sababa ejjennoo hin jijjiiramne Itoophiyaan qabatte turteenii jedhe.

Masriin haala adeemsa guutinsa bishaanii fi bulchiinsa hidhichaa irratti waliigaltee seeraa dirqisiisaa akka mallatteeffamu akka barbaaddu kan beeksise ministeerichi, qaamoleen hundu marii itti aanuu Finfinneetti taasifamuuf mul’ata waliigalchiisu qabatanii akka dhiyaatan hubachiiseera. 

Garee Itoophiyaa bakka bu’uun maricha irratti dhiyaate ture kan dursan Ameerikaatti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Silashii Baqqalaa (PhD) xumuramu marii kanaa ilaalchisee barreeffama fuula Twiitara isaanirratti maxxansaniin mariin itti aanu baatii Fulbaana keessa akka itti fufuu ibsuun, haala itti fayyadama bishaanii haqa qabeessa ta’een ni gaggeeffama jedhan.  

Marii biyyootni sadan Itoophiyaa, Masrii fi Sudaan dhimma Hidha Haaromsaa irratti taasisaa turan erga addaan cite waggaa lama fi ji’a shan booda Hagayya 27, 2023 Kaayirootti eegalan wixinee waliigaltee fi dhimmoota walqabatan irratti mari’achuun waliigalteerra gahu jedhame eegamaa ture.

Deetaan Ministira Ministeera Dhimma Alaa UAE Sheek Shaahbuut Naahyaan Al Naahyaan tibbana turtii Addis Standard waliin taasisaniin mariiwwan dhimma Hidha Haaromsaan walqabatee taasifaman dhiyeenyatti waliigalteen akka xumuraman abdii qaban ibsuun isaanii ni yaadatama. Waliigaltichi fayyadamummaa biyyoota sadan kan mirkaneessu akka ta’uus abdii qaban ibsaniiru. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button