ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Wallagga Bahaatti haleellaa hidhattootni “Faannoo” tibbana raawwataniin namoonni shan ajjeefaman, lama madaa’an

Finfinnee, Hagayya 29/2023 – Godina Wallagga Bahaa Aanaa Kiiramuu ganda Caffee Guddinaa jedhamu keessatti hidhattoonni Naannoo Amaaraa “Faannoo” jedhanii of waaman torbee darbe keessa Hagayya 21, 2023 guyyaa keessa naannoo sa’aatii 8:00 irratti haleellaa raawwataniin namoonni shan ajjeefamuu fi lama  madaa’uu jiraattonni himan. 

Jiraataa haleellaa kana dheessuun waggoota lama dura gara magaala Kiiramuu gale Addis Standard dubbise akka himetti, haleellaan tibbanaa kun humnoota garee “Faannoo” aanicha keessa socho’aa jiraniin raawwatamuu himeera.

Jiraataan kun magaalota aanicha tokko tokko guutumatti humnoota Faannootiin dhuunfatamuu hima. Akka jiraataan kun jedhutti, gandoonni aanichaa Fajjii, Boree Mikaa’eelii fi Haroo ganda 01 olaantummaa garee kanaatiin dhuunfatamaniiru. 

Haleellaan qaamoleen kunneen raawwatan sukaneessaa ta’uu eeruun,“Erga ajjeesanii booda dubartii irraa harma fi dhiirotarraa qaama saalaa muranii deemu,” jedhe.

Miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa aanaa Kiiramuu keessa qubatanii jiran haleellaa gareewwan kanaan raawwatamu irraa hawaasa tiksuu kan hin dandeenye ta’uu jiraataan kun ibseera. “Humni raayyaa qubatee jira malee tika gochaa hin jiru. Maaliif akka qubateeyyuu nuuf hin galu,” dabalee jedheera.

Magaalaa aanichaatii ala rakkoon nageenyaa jiru ulfaataa ta’uu ibsuun, “Magaalaadhaa ala bahuun hin danda’amu jedheera. Magaalaan ala baanaan daqiiqaa lama keessatti butamta,” jedheera.

Naannichi labsii yeroo hatattamaa jala jiraachuu eeruun ummanni sagaleesaa dhageessisuus hin dandeenye malee rakkoo ulfaataa fi wal xaxaa keessa jiraachuu himeera. “Amma wanuma ta’aa jiruyyuu hubachuu hin dandeenye,” jechuun ummanni naannichaa sahkkii fi burjaaja’iinsa keessa jiraachuu ibseera. 

Qonnaan bultoonni naannichaa waggoota lamaaf hojii homaa hin hojjatin turuu ibsuun ummanni aanichaa rakkoo hammaataa keessa jiraachuu erga himanii booda jiraattota aanichaa gara biraatti osoo qubachiisanii wayya yaada jedhu dhiyeessaniiru. 

Jiraataan aanaa ollaa Giddaa Ayyaanaa kan ta’e Addis Standard dubbise haleellaa aanaa Kiiramuu keessa turuu mirkaneesseera. Haleellaa kanaan walqabtee namoonni baqatanii gara magaalaa Giddaa dhufuu himeera.

Kana malees, aanaa Giddaa Ayyaanaa gandoota Guttii, Gaara Diichoo fi Alii keessa haleellaan walfakkaataan garee “finxaaleyyii Amaaraatiin” tibbana raawwatamuu jiraataan kuni himeera. Haleellaawwan kanneeniin lubbuun nama darbuu fi jiraattonni madeeffamuu dabalee ibseera.

Haleellaan hidhattoota Faannoo kun Godina Wallagga Bahaatti qofa kan daangeeffame miti. Godina Horro Guduruu Wallaggaattis haleellaa gareen kun geessisaa jiruun lammiileen nagaa miidhamaa jiru. Godina kana keessa kan argamu Aanaa Amuruu haleellaan kun baay’inaan keessa mul’ata.

Kominikeeshiniin aanaa Amuuruu ibsa karaa miidiyaa hawaasaatiin tamsaaseen, humnoota Faannoo gara aanaa Amuruu ce’uun haleellaa raawwachuuf yaalii taasisan qolachuuf iddoo riqicha Abbayyaatti milishaa bobbaasuu addeesseera.  

Aanichi ibsa baaseen, gareen finxaaleyyii Amaaraa daangaa Oromiyaatti ce’uun irra deddeebiin haleellaa raawwachuu ibsuun iddoo daangaa Oromiyaa fi Amaaraa walqunnamsiisutti sochii “finxaaleeyyiin Amaaraa” akka ittisaniif milishaa bobbaasuu ifoomseera. 

Akkasumas, riqichi kuni humnoota poolisii feederaalaatiin eegamaa turuu eeruun amma garuu haleellaa miseensota poolisii kanarratti raawwatmeen miseensonni kunneen hojii eeegumsaa dhiisanii dheessuu ibseera. Haa ta’u malee, bulchiinsi godinicha milishaa bobbaasuun riqichaaf eegumsa taasisaa jira jedheera.

“Milishaan Aanaa Amuruu kilaasterra Agaamsaa jaalalaa fi quuqama biyya isaaniif qaban irraa kan ka’e biyya keenya diinaaf dabarsinee hin kenninu,daangaa keenya ni eeganna jechuudhaan halkaniif guyyaa, qorraaf aduu otoo hin jedhiin riqicha laga abbayyaa eegaa jiru,” jechuun hoogganaan milishaa kilaastera Aanaa Agaamsaa Obbo Alamaayyoo Araggaa wabeeffachuun aanichi gabaaseera.

Eegumsi Riqicha Laga Abbayyaa kunis yeroo dhiyootti qaama dhimmi ilaalatuun furmaata kan argatu ta’uu hogganaan Qajeelcha Poolisii Godina Horro Guduruu Wallaggaa kan ta’an Komishinar Gosaayeen duubachuu gabaafameera. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button