Oduu: Wiirtuu tursiisaa magaalaa Shaggar aanaa Sidaa Awaash argamutti dhukkuba daddarboo uumameen namootni sadi du’uu KMNI ibse
Finfinnee, Fulbaana 20/2023 – Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) ibsa Fulbaana 15 baaseen, magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Galaan Aanaa Sidaa Awaash, naannoo yeroo baay’ee “Sidaamoo Awaash” jedhamuun beekamutti daawwannaa iddoo tursiisa yeroo namoota daandii irraa qabamanitti taasiseen haalli qabiinsa iddoo sanitti jiru gaarii akka hin taane hubachuu ibseera.
Gaafa Hagayya 24 akkasumas gaafa qaammee 2 fi 3, 2015 irratti Daawwannaa Hagayya 30, Fulbaana 07 fi 08 giddugala bakka tursiisaa kana keessatti namoota bakka tursiisaa keessa jiranii fi waajjira nageenyaa magaalaa Finfinnee dabalatee qaamolee mootummaa dhimmi ilaallatu qunnamuun hordoffii gaggeessuu ibse.
Ibsichi akka jedhutti wiirtuu gaaddisaa kana keessatti dhukkuba daddarbaa mudateen namoonni 190 hospitaalaa seenanii yaala argataniiru. Isaan keessaa namoonni 3 yoo du’an, namoonni 3 ammoo kutaa yaala cimaa keessatti yaala argachaa akka jiran eerameera.
Namoonnni wiirtuu kana keessatti argaman nyaata guyyaatti al sadii akka hin argannee fi bakka kunis bakka turtiif kan ijaaramee otoo hin taane bakki meeshaaleen industirii itti kuufamuuf qophaa’ee ta’uu ibse komishinichi. Itti dabaluun ibsichii bu’uuraalee misoomaa guutuu waan hin qabneef, kaayyoo yaadameef kan hin mijanneedha jedhe.
Wiirtuun kun meeshaalee qulqulluu ta’ee, bishaanii fi meeshaaleen qulqullinaa dhuunfaaf oolu dhabuu, hanqina meeshaalee bu’uura jireenyaa ta’an qabaachuun rakkoolee komishinichi daawwannaa isaa keessatti hubate ta’uu kaaseera.
Namoonni bakka tursiisa kana keessa jiran namoota daandiirra jiraatan, keessattuu maanguddoota, daa’imman, dubartoota fi qaama miidhamtoota argamuu kan jedhe komishinichi, namoota kanneenif xiyyeeffammoo barbaachisuu laatamuufi qaba jedhe. AS