ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Dhalataan Itoophiyaa odeeffannoo iccitii biyyattii gara Itoophiyaatti erguun Ameerikaa basaasaa ture himatame

Finfinnee, Fulbaana 22/2023 – Hojjetaa mootummaa Ameerikaa dhalootaan Itoophiyaa lammummaan ammoo Ameerikaa ta’e Ministeera Haqaa fi Ministeera Dhimma Alaa biyyattiif hojjataa ture tokko odeeffannoo iccitii Ameerikaa gara Itoophiyaatti erguun himata “basaasummaa” irratti dhiyaachuu miidiyaaleen biyyattii ragaalee mana murtii wabeeffachuun gabaasaniiru. 

Ogeessa IT Abrahaam Tekluu Lammaa jedhamu kun, mootummaa biyya biraa gargaaruuf odeeffannoo ittisaa walitti qabuu ykn kennuu fi odeeffannoo ittisa biyyaa hayyama malee qabaachuu dabalatee himannaa sadi irratti dhiyaateera. Inispeektarri olaanaa Ministeera Haqaa fi Tajaajilli Nageenyaa Ministeera Dhimma Alaa dhimmicha qorachaa jiru.

Lammummaa biyya Ameerikaa kan qabu dhalataan Itoophiyaa Abrahaam jedhamu kun, bara 2019 irraa eegalee Ministeera Dhimma Alaatti ogeessa deeskii gargaarsaa fi Ministeera Haqaa keessatti xiinxalaa ta’uun dabalatee dhaabbilee mootummaa Ameerikaa adda addaa keessatti hojjeteera.

Abrahaam ganna darberraa eegalee irra deddeebiin carraa qabu fayyadamuun biyya Afrikaa tokkoof [akka ibsa miidiyaalee biyyattiitti, Itoophiyaa] iccitii Ameerikaa dhokataa ta’e basaasuun ergaa turuu himaticha keessa ibsameera. 

Muddee 2022 fi Hagayya 2023 gidduutti, Abrahaam “dhimmoota hedduu ilaalchisee yoo xiqqaate Gabaasa Odeeffannoo 85 irraa odeeffannoo waraabeera—kanneen keessaa harki caalaan isaanii Itoophiyaa waliin kan walqabatudha,” jedha sanadni mana murtii. Akkasumas yoo xiqqaate gabaasa basaasaa dabalataa 48 argachuun gabaasa sana irraa odeeffannoo iccitii olaanaa qabu waraabuus eerameera.

Akkasumas, suuraa saatalaayitii fi sanadoota mosaajii icciitii ta’an dabalatee nama Tajaajila Basaasaa Itoophiyaa irraa ergame tokkoof erguunsaa ragaaleen mana murtii ni mul’isu.

Sanadoota mana murtii keessatti caqasaman akka mul’isutti, Abrahaam jalqaba bara kanaa daawwannaa Itoophiyaa taasiseen bakka bu’aa dhaabbata Tajaajila Basaasaa Itoophiyaa waliin hoteela Finfinnee keessatti argamutti wal arguun yeroo hedduu odeeffannoowwan dhoksaa Ameerikaa karaa Ministeera Dhimma Alaa biyyattiidhaan argate dabarsee laachuu eerameera.

Kana malees, ragaawwan baankii qorattoonni argatan akka agarsiisanitti, Abrahaam odeeffannoo dhokataa ta’e kana erga buufatee fi daawwannaa gara Itoophiyaatti taasiseen booda maallaqni baankota adda addaatti galii akka taasifameef miidiyaaleen biyyattii gabaasaniiru.

Dhimma kana ilaalchisee hanga ammaatti gama mootummaa Itoophiyaa irraa ibsi laatame hin jiru. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button