ODUUSIYAASA

Oduu: Dura taa’aa paartii Izeemaa qaamolee nageenyaatin to’annoo jala oolan 

Finfinnee, Fulbaana 25/2023 – Dura taa’aan Paartii Lammiilee Itoophiyaa Haqaa Hawaasummaaf (Izeemaa) kan ta’an Dr. Caannee Kabbadaa kaleessa Dilbata, Fulbaana 24 qaamolee nageenyaan to’annoo jala ooluu paartiin isaanii beeksise.

“Dr. Caanneen konkolaataa gabatee hin qabneefi ajaja mana murtii malee to’annoo jala oolan, hanga ammaattis sababa ittiin hidhaman hin beekamne,” kan jedhe paartichi, ibsa gabaabaa har’a baaseen, gochoota akkanaa “qajeeltoowwan seeraa fi sirnaa hin hordofne” cimsee akka balaaleffatu ibseera. “Paartiin keenya dhimmicha of eeggannoo fi itti dhiyeenyaan hordofaa akka jiru miseensota fi deeggartoota isaa beeksisuu barbaada” jedhe paartichi.

Itti dabaluunis miseensonni koree hojii raawwachiiftuu paartichaa har’a ganama walgahii ariifachiisaa waamuun koree to’annoo dura taa’aa isaa itti dhiyeenyaan hordofu hundeessuu ibseera.

Hogganaan paartii EZEMA kan ta’an Profeesar Biraanuu Naggaa, Ministira Ministeera Barnootaa Federaalaa ta’uun Mana Maree Ministiroota biyya bulchaa jiru keessa qooda qabu. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button