ODUUSIYAASA
Trending

Oduu: Magaalaa Gondar keessatti lola hidhattoota “Faannoo” fi humnoota mootummaa gidduu taasifameen lubbuun namoota hedduu darbe

 Finfinnee, Fulbaana 25/2023 – Dilbata, Fulbaana 24 ganama irraa eegalee Naannoo Amaaraa magaalaa Gondar keessatti lola sa’aatii dheeraaf ture hidhattoota “Faannoo” ofiin jedhanii fi humnoota mootummaa gidduutti akka taasifame jiraattonni Addis Standarditti himan. Lola magaalattii keessatti gaggeeffameen hidhattoonni fi namoonni nagaa hedduun ajjeeffamuu isaanii himame. 

Komaand Poostii magaalattii ibsa kaleessa galgala baaseen, humni nageenyaa mootummaa hidhattoota “humna diinaa” jedhe ibse irratti haleellaa raawwateen hoggantoota garee hidhattoota “Faannoo” dabalatee hidhattootni 50 ol ajjeefamuu fi madaa’uu isaanii beeksiseera. Itti dabaluunis, hidhattoonni “tarkaanfii mootummaa ofirraa ittisuu dadhaban” magaalattii gadhiisanii baqachuu isaanii ibseera.

Jiraataan magaalaa Gondar nageenya isaatif jecha maqaan isaa akka hin eeramne gaafate Addis Standarditti akka himetti, hidhattootni Faannoo kaleessa halkan sa’aatii lama booda magaalattii gadhiisuun ba’aniiru jedhe. Hoggantoonni nageenyaa magaalattii dhiyeenya kana muudaman sadi eegdota isaanii waliin ajjeefamuus itti dabalee ibseera. Akkasumas, humnoota lachuu irraa loltoonni hedduun akka ajjeefaman dubbateera.

Hospitaallii Gondar tajaajila kennaa hin jiru kan jedhe jiraataan magaalittii kun, hoggantoota garee Faannoo lola kaleessaatiin madaa’ee tokko gara Hospitaalaatti geeffamuus yaala dhorkamuu himeera. 

Barsiisaan Yuunivarsiitii Gondar maqaan isaa akka dhahamu hin barbaanne tokko yaada Addis Standardiif kenneen, kaleessa magaalattii keessatti lolli cimaan akka adeemsifamaa tureetti ibsuun naannichi gara balaa guddaa ta’etti deemaa akka jiru yaaddoo isaa qoodeera.

Lola kaleessa Gondar keessatti gaggeeffame ilaalchisee, Raayyaan Ittisa Itoophiyaa fuula feesbuukii isaa irratti ergaa dabarseen, “humni gara jabeeyyii maqaa Faannoo jedhuun daldalu abiddaan liqimfameera” jedhe. Gareen hidhate kun kutaa magaalittii ganda 18 jedhamuun beekamu gubuu isaa ibsuun, garichi “waldaa hojii gamtaa fayyadamtoota keessaa sukkaara, zayitaa fi kanneen biroo saameera,” jedhe. AS

Related Articles

Leave a Reply

Back to top button