Oduu: Buqqaatoonni Lixa Oromiyaatti kaampii buqqaatotaa irraa dirqamaan baafaman rakkoof hamaaf saaxilamuu himame
Finfinnee, Onkoloolessa 05/2023 – Buqqaatoonni Lixa Oromiyaa, keessattuu godinaalee Horroo Guduruu Wallaggaa fi Wallagga Bahaatti sababa rakkoo nageenyaan qe’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’anii kaampii buqqaatota keessa jiraachaa turan ji’a afur dura kaampii keessa turan irraa akka bahan godhaman rakkoo nyaataa fi dhukkuboota garagaraa dabalatee rakkoo hawaasummaa guddaaf saaxilamaa jiraachu himame.
Caamsaa bara 2023 irraa eegalee buqqaatonni godina Wallagga Bahaa, Wallagga Lixaa, Qeellam Wallaggaa, fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessa jiraatan gaaddisa keessa qubatanii turan dhiisanii bahuuf dirqamaniiru. Haa ta’u malee, hanqinni jireenyaa fi rakkoon fayyaa dabalaa dhufe waan isaan mudateef gara qe’eetti deebi’uun isaanii rakkoo hamaa keessa isaan galcheera.
Haalli rakkoo nageenyaa godinaalee Lixa Oromiyaa waggoota shanan darbaniif daran hammaachaa dhufuu hordofee lakkoofsi buqqaatotaa yeroorra gara yerootti daran dabalaa jira.
Hojjetaa dhaabbata miti mootummaa naannoo sana socho’u ‘Akmon Initiative Development’ kan ta’e Biyyansaa Dessoo yaada Addis Standarditti laateen, sababa madda rakkoolee buqqaatii fidan furamuu dhabeef Lixaa Oromiyaa iddoowwan garagaraa keessatti buqqatoonni qe’ee isaanirraa buqqa’an ammallee rakkoo hamaa keessa jiraachu hime. “Gariin isaanii gara kutaalee Oromiyaa birootti deeman, gariin ammoo daandiirra jiraachuu jalqabaniiru.”
Akka ogeessi fayyaa dhaabbata tola ooltummaa keessa hojjetu maqaan isaa akka eeramu hin barbaanne tokko jedhutti, madda rakkoo buqqa’insa jumlaa naannoo sanitti uumamu furuu fi tasgabbeessuun dura dirqamaan deebisanii kaampii turan irraa baasuu ta’u hima. Itti dabaluun, “kaampii isaan keessa jiraatan irraa humnaan deebisuun buqqaatota Horroo Guduruu Wallaggaa fi Wallagga Bahaa rakkoo kanaaf saaxileera,” jedhe.
Waldaa Misooma Gurmuutti Hoji gaggeessaa Damee Koorniyaa fi Mirga Namoomaa kan ta’an Geetuu Saaqqataa akka ibsanitti, namoonni kaampii kana keessaa ba’uuf dirqaman muraasa firoota isaanii kutaalee naannoo Oromiyaa biroo jiraatan bira deemuuf dirqamaniiru. Haa ta’u malee, namoonni buqqa’an baay’een isaanii firoota isaanii irratti hirkatanii waan jiraniif, rakkoon hanqina nyaataa amma jiru akka hammaatu taasiseera.
Buqqaatonni godina Horroo Guduruu Wallaggaa buufata konkolaataa, mooraa Yuunivarsiitii Wallaggaa-damee Shaambuu, fi dirree kubbaa miilaa magaalaa Shaambuu keessa qubatan, akkasumas kanneen godina Wallagga Bahaa kaampii adda addaa keessa jiranis qormaata hedduun isaan mudachaa akka jiru himeera.
Qorannoon dhaabbata tola ooltummaa tibbana gaggeesse fi Addis Standard ilaale akka ibsutti, godinaalee Wallaggaa afran – Wallagga Bahaa, Wallagga Lixaa, Horroo Guduruu Wallaggaa fi Qeellam Wallaggaa keessatti buqqaatotni qe’ee isaanirra buqqa’an 753,674 deeggarsa hatattamaa barbaadu. Akka qorannoon kun jedhutti naannoo Oromiyaa keessatti kaampiiwwan buqqaatota biyya keessaa 141 godinaalee 11 fi aanaalee 96 keessatti argaman keessaa buqqaatotni miiliyoona 1.4 argamu.
Kaampiiwwan buqqaatota kunneen irra caalaan isaanii kutaa lixa Oromiyaa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) fi humnoota nageenyaa mootummaa gidduu waraanni hamaa itti gaggeeffamaa jiru keessa argamu. Waldhabdee hidhattoota gam kanaan godhamaa jiru dabalataan, haleellaawwan hidhattootni saba Amaaraa “Faannoo” jedhanii of waaman godinaalee lixa Oromiyaa kanneen keessa raawwatan jiraattota qe’ee irraa akka buqqa’an taasisaa jira.
Buqqaatota waliigalaa Oromiyaa keessa jiran keessaa kanneen miiliyoona 1.2 ta’an gargaarsa nyaataa hatattamaa akka barbaadan qorannoon dhaabbata tola ooltummaa kanaan gaggeeffame ni mul’isa. AS