Finfinnee, Onkololeessa 21, 2023 – Gareen bakka bu’oota aanga’oota Itoophiyaa Ministeera Faaynansii Ahmad Shideetiin durfamu liqiin Baankiin Chaayinaa jalaa uggure akka gadi lakkifamuuf dura taa’aa baankii Al-ergii Chaayinaa Egziim Baankii Wuu Fuuliin waliin mari’ataniiru.
Kaayyoon marii kanaa liqiin dhaabbilee faaynaansii Chaayinaa fi mootummaa federaalaatiin jalaa uggurame akka hadi lakkifamuuf ta’uu gabaafameera. Marii rood beelt jedhmau Onk 17-18, 2023 Chaayinaatti gaggeeffame cinaattii ministeerri faayinaansii Ahmad Shidee Onk 19 dura taa’aa baankichaa waliin mari’achuun ibsameera.
Egziim Baankii fi Baankii Misooma Chaayinaa miliyoona $758 kan ugguran yoo ta’u dabalataan mootummaan Chaayinaa $576 million jalaa ugguramu ibsi ministeerri faaynaansii Wax 2023 keessa baase ni agarsiisa. Walumaagalatti, liqiin biliyoona $1.3 ta’u Itoophiyaa gaafatte uggurameera.
Itoopjhiyaan sanada barbaachisu galchuun liqii waggaa sadi dura gaafattee ture. Dhimma kanaan walqabatee ministeerri faaynaansii dhaabbilee faaynaansii Chaayinaa waliin mari’acuu addeesseera.
Baankiin Itoophiyaa bara 2021 fi 2022 keessa liqii homaatuu hin laanne. Haa ta’u malee, bara 2023 keesssa miliyoona $26 liqeessaniiru. Akkasumas, pireezidaantiin Zhiijiin Piing Chaayinaan Itoophiyaa waggaa tokkoof kafaltii liqii irraa akka furamtu murteessuu addeessanii ture.
MM Abiy Ahmadiis aanga’oota Zhiijiin Piingii fi MM Lii Kiiyaang Chaayinaa waliin mari’achuun Ittopiyaan sanada wal hubannaa 12 ta’u Chaayinaa waliin mallatteessitee jirti.
Itoophiyaan garee G20 jedhamu irraas liqii gaaafachaa jirti. Haa ta’u malee, liqiin kuni sababa yakka waraanaatiin walqabateeraawwataman jedhamuun uggurameera. Haa ta’u malee, keessumaa dhaabbata Breetan Wuuds jedhamu waliin mariin taasifamaa jira. AS