ODUUSIYAASA

Oduu: Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan “humnoonni Eertiraa guutummaatti Itoophiyaa keessaa bahuu qabu” jedhan

Finfinnee, Sadaasa 03/2023 – Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan “humnoonni Eertiraa guutummaatti Itoophiyaa keessaa bahuu qabu” jechuun hubachiisan. Kana malees, “walitti bu’iinsa naannolee Amaaraa, Oromiyaa, fi naanolee biraatti deemaa jiru, kan nageenya Itoophiyaa dadhabaa ta’e balaadhaaf saaxilu nu yaaddeessaa” jedhan.

Waliigaltee nagaa erga mallatteeffamee waggaa tokko booda humnoonni Eertiraa kaaba fi kaaba bahaa Tigraay keessatti gandoota 52 dhuunfachuu itti fufanii yakka hammeenyaa raawwachaa jiru jedhan. 

Waliigaltee waraana dhaabuu mootummaa Itoophiyaa fi Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (TPLF) gidduu Afrikaa Kibbaa, magaalaa Pritooriyaatti mallatteeffame waggaa tokkoffaa isaa ilaalchisuun ibsa kennaniin, Bilinkan “waliigalteen sun qawwee callisiisuun waraana suukaneessaa waggaa lamaaf ture kan kuma dhibbaan lakkaa’aman ajjeesee fi miliyoonaan lakkaa’aman qe’ee isaanii akka baqatan dirqisiiseef xumura laateera,” jedhan.

Haa ta’u malee, “humnoonni ABUT hidhannoo meeshaa waraanaa gurguddaa hiikkatanii humna idileetti makamuu osoo eegalaa jiran, Tigiraayitti nagaa fi tasgabbii waaraa fiduuf tarkaanfiin dabalataa barbaachisaadha. Humnoonni Eertiraa guutummaatti ba’uu qabu” jedhan.

Kana malees, Antoonii Bilinkan “Itoophiyaas ta’e Eertiraan wantoota waldhabdee kakaasan irraa of qusachuu, akkasumas walabummaa fi abbaa biyyummaa biyyoota naannichaa hunda kabajuu qabu” jedhan.

Ameerikaan ibsa kanaan dura kennite irra deebi’uun, “walitti bu’iinsa naannolee Amaaraa, Oromiyaa, fi bakka biraatti deemaa jiru, kan nageenya Itoophiyaa dadhabaa ta’e balaadhaaf saaxilu na yaaddeessa” jetteetti. 

“Dhiittaa mirga namoomaa fi cunqursa qooda fudhattoota hedduutiin itti fufee jiruu hariiroo hawaasummaa sababa waraanaan laafee jiru daran ni xureessa,” jedha ibsi Antoonii Bilinkan kennan. AS

Related Articles

Back to top button